Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) biyyattii keessatti gochaa daldala dubartootaa fi daa’imman irratti adeemsifamu ittisuuf tarkaanfilee fudhataman hordoffii adeemsiseef hojiirra oolmaa yaada furmaataa ilaalchisee waxabajjii 5, 2018 waltajjiin marii Finfinneetti adeemsise.
Waltajjicharratti qooda fudhattoonni dhaabbilee Federaalaa fi Naannoo irraa kan hirmaatan yoo ta’u, Bulchiinsa Magaalota Finfinnee, Adama, Baahir Daar, Hawaasaa fi Wolayittaa Sooddoo akkasumas Godina Shawaa Bahaa irraa bakka bu’oonni dhaabbilee haqaa fi qondaaltonni qaamolee raawwachiiftuu hirmaatan.

Marii kana irratti gochaa dubartootaa fi daa’immaniin daldalamu ittisuuf hojiiwwan hubannoo uumuu, carraa hojii uumuu, qo’annoo fi qorannoo, raawwii karoora hojii fi qajeelfama hojii, sirna komii fi eeruu kennuu, qorannoo yakkaa, himannaa fi itti gaafatamummaa akkasumas hojiirra oolmaa yaadota eegumsa nageenyaa fi deebisanii dhaabuu miidhamtoota ilaalchisee kennaman fi dhimmoota biroo xiyyeeffannoo addaa barbaadan dhiyaatanii mariin irratti taasifameera.

Dhiittaa mirgaa ittisuuf carraa hojii uumuu fi hojiin hubannoo uumuu raawwatamuu isaa, hordoffiin dameewwan hojii al-idilee ta’an irrattikan geggeeffamu ta’uu, sirni eeruu kennuu diriirfamuu danda’uu isaa, tarkaanfiiwwan gama ijaarsa dandeettii fi deebisanii dhaabuutiin fudhataman marii kana keessatti akka qabxii gaariin ta’aniitti ka’aniiru. Gama biraatiin, bulchiinsa odeeffannoo qindaa’aa, qorannoo yakkaa fi himannaa banuu, akkasumas hojii qorannootiin ammas qaawwi akka jiru yaaddoodhaan ibsamee jira.

Hirmaattonni marii kanaas jalqabbii gaarii itti fufsiisuu fi rakkoolee yaaddessaatti itti fufanii jiran haala itti fufiinsa qabuun hiikuuf, jijjiirama ilaalcha hawaasaa irratti bal’inaan hojjechuun, qaawwa seeraa sirreessuuf, carraa hojii uumuu guddisuu fi qindoomina qooda fudhattootaa cimsuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataanis, qaamolee haqaatiif leenjii kennuu fi akkasumas sadarkaa wixinee irratti kan argamu fandiin miidhamtootaa fi imaammanni godaansaa mirkanaa’ee hojiirra akka oolu gochuunis barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

KMNI’tti Komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii Ashanafechi Abbabee, biyyattii keessatti daldalaa dubartootaa fi daa’immanirratti taasifamu ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman, seerotni bahanii fi wiirtuuleen haala mjeessuuf hundeeffaman jalqabbii jajjabeessaa ta’uu ibsanii qixa bal’ina rakkoo kanaa ilaalcha keessa galchuun seerota kanneen kutannoon hojiirra oolchuu, qaawwa jiru guutuu fi hojii qindoomina qooda fudhattootaa cimsuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluunis hojiilee eegalaman cimsanii itti fufsiisuuf tumsa hundaa kan gaafatu waan ta’eef, qooda fudhattoonni gama isaaniitiin itti gaafatamummaa ofii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.