Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Waxabajjii 8, 2018. A.L.I Irraa Eegalee mana sirreessaa Federaalaatti, jechuunis eegumsa ol’aanaa (abbaa Saamu’el), qiliinxoo bakka tursiisa yeroo beellamaa, Qaallittii sirreeffama dubartootaa akkasumas giddugala sirreessaa haaromsa zuwaay’tti adeemsisaa kan ture hojiirra oolmaa hordoffii fi argannoo qabiinsa mirgoota namoomaa irratti yaada furmaataa bulchiinsa mirgoota namoomaa manneen sirreessaa federaalaa ilaalchisee qooda fudhattoota waliin waltajjii marii gaggeessuu eegaleera.
Waltajjii marii guyyoota lamaaf magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jiru kana irratti komishinarootni fi hoggantoonni KMNI, akkasumas qondaaltonni olaanoon Komishinii Mana Sirreessaa Federaalaa fi Ministeera Haqaa dabalatee qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.






Marii kana haasawaan kan banan Komishinarri Barnootaa fi Leenjii Mirgoota Namoomaa KMNI Badhaasaa Lammeessaan qabiinsi mirgoota namoomaa akka fooyya’uuf hordoffiin maneen sirreessaa irratti gaggeeffaman cimsuufi waltajjiiwwan marii akkanaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaa Yaadota furmaataa hordoffii irraa argamanii kanaa qooda fudhattoonni hunduu gahee isaanii akka bahatanis waamicha dhiyeessaniiru.
Itti aanaan Komishinara Komishinii Manneen Sirreessaa Federaalaa Jeneraal Takiluu Lataa gama isaaniitiin mariin kun qabiinsa mirgoota namoomaa manneen sirreessaa fooyyessuuf barbaachisaa ta’uu eeruun, yaadota furmaataa hojiirra oolchuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.







Kaayyoon ijoon waltajjichaas, argannoowwan hordoffii manneen sirreessaa keessatti taasifame ka’umsa godhachuun haala mirgoota namummaa sirreeffamtootaa fi shakkamtootaa madaaluu, dhimmoota qaawwa ta’anii adda baafaman hiikuuf kallattii agarsiisuu, akkasumas yaada furmaataa kenname irratti hundaa’uun tarkaanfiiwwan qooda fudhattootaan fudhatamuu qaban of keessaa qabu karoora gochaa waggaa tokkoo qopheessuudha.
Karoora hojii waggaa tokkoo qophaa’e irratti marii taasifamaa jiruun cinattis hirmaattonni waltajjichaa Mana Sirreessaa Godina Shawaa Bahaa argamu daawwachuun waljijjiirraa muuxannoo ni taasisu.