Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) namoota biyya keessatti buqqaa’aniif eegumsa taasisuu fi furmaata waaraa kennuufiif karoora qabameen, carraa fi qormaata jiru irratti Waxabajjii 18, 2018, marii biyyaalessaa Finfinneetti geggeessee.

Waltajjiin marii kun dhaabbilee Regional Durable Solutions Secretariat (ReDSS), Lutheran World Federation (LWF) fi Sekreetariyaatii Furmaata waaraa Naannoo (ReDSS), fi Ethiopia Conflict Sensitivity Hub (ECSH) waliin ta’uun kan qophaa’e yoo ta’u, Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Ministeerri Nageenyaa, Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Itoophiyaa, qondaaltonni ol’aanoo fi bakka bu’oonni naannolee dhimmi ilaallatu, bakka bu’oonni buqqaatotaa, akkasumas qondaaltonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Baankii Addunyaa fi dhaabbileen idil-addunyaa adda addaa buqqaatotaaf eegumsaa fi deeggarsa taasisan hirmaataniiru.

Waltajjicharratti buqqaatota biyya keessaatiif eegumsaa mirgoota namoomaa fi hojiirra oolmaa furmaata waaraa haala yeroo ammaa ilaalchisee Ministeera Nageenyaa fi Komishinii Hoggansa Balaa Itoophiyaatiin hirmaattotaaf ibsi bal’aan taasisifameera. Buqqaatonni biyya keessaa haala rakkisaa keessa waan jiraniif mootummaan federaalaa lammiilee naannoo tokko irraa gara naannoo biraatti buqqa’aniif naannolee waliin ta’uun deeggarsa gochuun haala itti fufiinsa qabuun hundeessuuf itti gaafatamummaa akka qabus ibsameera. Kana malees, buqqa’iinsa dursanii ittisuu fi buqqa’iinsa booda deebii kennuuf imaammatni fi bu’uuraaleen seeraa jiraatanis, sababa nageenya fi tasgabbii dhabuu, tajaajilli hawaasummaa gahaan dhabamuu fi qindoominnii fi kutannoon dhabamuu irraa kan ka’e bu’aa barbaadamu argamsiisuu akka hin dandeenye waltajjicharratti ibsameera. Nyaata dhiheessuun alatti, namoota buqqa’an akka fedhii isaaniitti dhaabbatummaadhaan qubachiisuuf karoorri waan hojjetamaa jiruuf, naannoleen itti gaafatamummaa isaanii akka bahatanis gaafatamaniiru.

Gama biraatiin, qondaaltonni bulchiinsa sodaa balaa naannolee waltajjicharratti hirmaatan, hojii furmaata itti fufiinsa qabu naannoo isaaniitti hojjetamee fi qormaata isaan mudates qoodaniiru. Haaluma kanaan, Naannolee Affaar, Amaaraa, Benshangul Gumuz, Giddu-gala Itoophiyaa fi Hararii keessatti buqqaatota biyya keessaa itti fufiinsaan deeggaruuf carraaqqiin godhamus, rakkoo nageenyaa fi hariiroo laafaa naannolee gidduu jiru irraa kan ka’e, lammiilee buqqa’aniif naannolee isaan bulchaniin alatti furmaata waaraa kennuufiin akka hin danda’amne ibsaniiru. Kanaaf naannolee irraa buqqa’anii fi itti baqatan gidduutti wal amantaa uumuuf ajandaa ifa ta’e irratti mariin taasifamuu akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Bakka bu’oonni buqqaatota biyya keessaa gama isaaniitiin furmaata osoo hin argatin waggoota baay’eef da’oo yeroo fi gaaddisa hawaasa keessummeessituu isaanii jalatti dahatanii waan jiraata turaniif rakkoo dinagdee, hawaasummaa fi xiinsammuu cimaaf saaxilamuu isaanii ibsaniiru. Deeggarsi namoomaa buqqaatotaaf taasifamu lubbuu isaanii tursiisuuf barbaachisaa ta’us, fedhiin isaanii inni guddaan itti fufiinsaan qubachuu, hojjechuu, oomishuu fi of bulchuu waan ta’eef mootummaan furmaata kana fakkaatu dhaabbataa akka isaaniif mijeessu gaafatanii jiru.

KMNI’tti daayreektarri kutaa mirgoota buqqaatota, baqattootaa fi godaantotaa, Mihiret’aab Gabiremasqal, buqqaatota biyya keessaatiif mirgoota namoomaa yaada keessa kan galche furmaata itti fufiinsa qabu fiduuf mariidhaan waliigaltee irra gahuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis karaa KMNI marii fi waltajjiiwwan marii akkanaa cimee itti fufa jedhanii, qooda fudhattoonni hundi itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka ba’an gaafataniiru.