Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) godinaalee adda addaa fi bulchiinsa magaalotaa naannoo Affaar jalatti kan argaman buufataalee poolisii 46 fi manneen amala sirreessaa 5 irratti argannoowwanii fi yaada furmaataa hordoffii taasisaa ture irraa argate ilaalchisee Waxabajjii 19 fi 20, 2018 qooda fudhattoota waliin walgahii marii magaala Asaayitaatti taasiseera. Maricharratti Mana Maree Naanno Affaar irraa itti aanaan af-yaa’ii, dura taa’aa fi miseensonni koree dhaabbii seeraa, haqaa fi dhimmota bulchiinsa mana maree naannichaa, qondaaltonni Komishinii Poolisii Naannichaa fi manneen sirreessaa, bakka bu’oonni Mana Murtii Waliigalaa Naannichaa, Biiroo Haqaa fi Biiroo Tasgabbii fi Nageenyaa hirmaataniiru.

Waltajjicharratti muuxannoowwan gaggaarii hordoffiin adda baafamanii fi dhimmootni yaaddessoon mirgoota namoomaa fooyya’iinsa barbaadan dhiyaatanii mariin irratti taasifameera. Marii kanaan poolisoonni shakkamtootaa fi sirreeffamtootarratti irratti sarbama mirgoota namoomaa raawwatan itti gaafatamuu akka qaban, shakkamtoonni fi sirreeffamtoonni torbaan guutuu namoota isaan ilaalanii fi maatii isaanii waliin akka wal argan hojimaanni diriirfamuun, buufataalee poolisii tokko tokko’tti shakkamtootaaf nyaataa fi wal’aansa fayyaaf kan oolu baajata ramaduu jalqabamuun isaa, akkasumas marii kana keessatti baajatni nyaataa fi tajaajila yaalaa hidhamtootaaf ramadamu akka fooyya’u taasifamuun qabxiilee marii kana irratti haala gaariin kaafamanii dha.

Gama biraatiin buufata poolisiitti sa’aatii 48 keessatti shakkamtoota mana murtiitti dhiyeessuu irratti qaawwi jiraachuun isaa, shakkamtoonni umuriin isaanii ijoollee ta’an ga’eessota irraa adda ba’anii kutaan itti tursiifaman jiraachuu dhabuun isaa, akkasumas deeggarsa addaa fedhii dubartootaa, daa’immanii fi qaama miidhamtootaa fi maanguddootaa yaada keessa galfate jiraachuu dhabuun, hanqinna mana bultii/ciisichaa irraa kan ka’e sirreeffamtoonni hacuuccamanii kan bulanii fi hanqinni tajaajila ambulaansii dhimmoota yaaddoo fooyya’uu qaban ta’uun hubatamee jira.

Hirmaattonni marii kanaas argannoowwan KMNI’n dhiheesse haala yeroo ammaa buufataalee poolisii fi manneen sirreessaa kan agarsiisu ta’uu eeruun haala gaggaarii hordoffiin adda baafaman itti fufsiisuu fi dhimmoota yaaddoo ta’anii kaafamaniif furmaata kennuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

KMNI’tti Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddoota, Mohaammad Ahimad, mirgoota namoomaa shakkamtootaa fi sirreeffamtootaa fooyyessuuf qooda fudhattoonni hundi waliin ta’uun hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Itti dabaluunis KMNI’n qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.