Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, Mana Maree Naannoo Beenishaangul-Gumuz waliin ta’uun, yaad-rimeewwan mirgoota namoomaa fi ce’umsa haqaa irratti Ebla 15 – 16, 2026, magaalaa Assosaatti, hojii ijaarsa dandeettii guyyoota lamaaf gaggeessee jira. Workshopiin kun bakka bu’oota Mana Maree Naannichaa, Mana Murtii Waliigalaa, Biiroo Haqaa, Komishinii Poolisii, Bulchiinsa Mana Sirreessaa, fi qaamolee naannichaa biroo dabalatee qondaaltota olaanoo qaamolee seera baastuu, haqaa, fi raawwachiiftuu naannichaa walitti fideera.

Workshopiin kun yaad-rimeewwan mirgoota namoomaa fi qajeeltoowwan bu’uuraa, qabxiilee mirgoota namoomaa idil-addunyaa fi naannoo, aangoo, hojii, fi itti gaafatamummaa KMNI, akkasumas qajeeltoowwan haqaa ce’umsaa idil-addunyaa, naannoo, fi biyyoolessaa fi kallattii imaammata cee’umsa haqaa Itoophiyaa kan hammatedha. Tokko tokkoon mata duree irratti marii gadi fageenyaa hirmaattonni dhimmoota bal’inaan akka qoratan taasiseera.

Hirmaattonni barbaachisummaa workishooppii dandeettii ijaaruu kanaa hubachuun, hojjattoota dhaabbilee adda addaa keessatti argamaniif carraa walfakkaataa haala mijeessuun barbaachisaa ta’uu ibsuun Mirgoota namoomaa dagaagsuu fi kunuunsuun qooda fudhattoota hunda biratti itti gaafatamummaa waliinii ta’uu isaas cimsanii dubbataniiru. Kabajamtuu Aadde Askaal Alboroo, Af-yaa’ii Ol’aanaa Mana Maree Naannoo Beenishaangul-Gumuz, mirga namoomaa kabajuu fi olaantummaa seeraa hojiirra oolchuu mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, Manni Marichaa adeemsa dimokiraasii tarkaanfachiisuu fi mirga namoomaa naannichaa eeguuf waltajjii dhaabbilee dimokiraasii waloo hundeessuuf KMNI waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.

Komishinarri Ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo dhimmoota sababa qormaatilee/ sarbama mirgoota namoomaa waggoota dhiyoo asitti Naannoo Beenishaangul-Gumuz keessatti uumaman ibsuun, hundee sarbama mirgoota namoomaa furuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Hubannoon qondaaltonni olaanoo walgahii kana irratti argatan yaaddoo mirgoota namoomaa naannichaaf deebii kennuudhaaf hojiirra akka oolu amantaa akka qaban ibsuun, nageenya itti fufiinsa qabuuf dursa kennuun barbaachisaa ta’uu cimsanii ibsuun, tasgabbiin eegumsa mirgoota namoomaaf haal-duree bu’uuraa ta’uu hubachiisaniiru. Dhumarrattis adeemsa ce’umsa haqaa biyyoolessaa keessatti mootummoonni naannolee hirmaannaa cimaa akka qabaatan ibsanii, imaammata cee’umsa haqaa Itoophiyaa jalatti itti gaafatamummaa isaanii ba’uu akka qaban cimsanii gaafataniiru.