Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) akka qaama tooftaa qorannoo qindaawaa dhaqqabamummaa daandii fi gamoo mirgoota namummaa qaama miidhamtootaa irratti gaggeessaa jiruutti, dhaddacha yaada ummataa magaalaa Hawaasaatti Ebla 28 fi 29, 2026 walitti godhee ture. Taateen kunis gufuulee dhaqqabamummaa daandii, gamoo, fi tajaajilli ummataa qaama miidhamtootaaf dhiibbaa geessisan irratti kan xiyyeeffatee dha. Kunis taatee komii ummataa dhageeffachuu kanaan dura Muddee 26 fi 27, 2024 Finfinneetti gaggeeffame hordofee, dhaqqabamummaa gamoo akka xiyyeeffannoo jalqabaa qorannoo sirnaawaa bal’aa ta’e irratti kan fuulleeffatee dha.
walgayii kana irrattis KMNI’n komii adda addaa 70 ol qaama miidhamtoota sarbama mirgoota namoomaatiif saaxilaman jedhaman namoota 24 (dhiira 16 fi dubartoota 8) dabalatee irraa dhageeffateera. Namoota miidhaman keessaa 7 qaro dhabeeyyii, 15 miidhamtoota qaamaa, fi 2 ammoo gurri isaanii kan hin dhageenye. Miidhaamtoonni 19 dhimma isaanii qaamaan kan dhiyeeffatan yoo ta’u, tokko iccitiidhaan kan ilaalame fi, afur ammoo namoota birootiin kan bakka bu’amaniidha.
dhaddachi ummataa kunis Itoophiyaa keessatti dhimmi dhaqqabamummaa daandii fi ijaarsi gamoolee qaama miidhamtootaaf yaaddoo mirgoota namoomaa cimaa ta’ee itti fufee jiraachuu isaa agrsiistuu dha. Kunis dandeettii qaama miidhamtoonni irraa fayyadama mirgoota bu’uuraa kanneen akka mirgoota fayyaa, barnootaa, hojii, walqixxummaa tajaajila mootummaa argachuu, bilisummaa sochii, fi mirga jireenya aadaa keessatti hirmaachuu dabalatee haalaan daangessa. Akkasumas qaama miidhamtoota irratti miidhaa qaamaa, dhiibbaa xiinsammuu, dinagdee fi hawaasummaa akka geessisuuf saaxila.
Qorannoon sirnawaa KMNI kunis bu’uura caasaa fi irra deddeebii fi babal’ina qormaata kanaa kutaalee biyyattii adda addaa keessatti mulatu hordofee ti. Qorannoowwan sirnaawaa mirgoota namoomaa akkaataa adeemsa sarbama seeraa walfakkaataa ta’e qorachuuf malee, dhimmoota bal’aa ta’an adda baasuu fi yaada haaromsa yeroo dheeraa dhiyeessuu irratti kan kaayyeffate malee taateewwan qeenxee ykn sababoota caasaa bu’uuraa sarbama mirgootaa irra deddeebiin raawwatamu dandeessisaniif miti. Dhaddachi ummataa kun miidhamtoonni dhimma isaanii kallattiin dhaabbilee itti gaafatamummaa qabaniifi qooda fudhattoota mootummaa fi miti mootummaa dhimmi ilaallatu duratti akka dhiyeessan gochuudhaan qaama adeemsa kanaa ta’a.
Miidhaamtoonni dhaddacha irratti ragaa bahan ijaarsi daandii fi gamoo dhaqqabamaa hin taane jireenya isaanii guyyaa guyyaa irratti gufuu guddaa ta’uu ibsuun, mirgoota namummaa isaanii guutummaatti akka hin fayyadamne isaan daangesseera. Gufuuwwan kunniinis tajaajila fayyaa, barnoota, hojii fi tajaajila ummataa argachuu keessatti mul’atan, akkasumas balaa nageenyaa hamaa bu’uuraalee misoomaa dhaqqabamaa hin taane irraan kan ka’e akka ta’e ibsaniiru.
Hojiiwwan bu’uuraalee misoomaatiif hojjetaman hordofuun boolla bishaanii fi bo’oo lolaa mallattoo agarsiistuu sirrii malee fi osoo hin eegamiin hafe kan hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa sababa adda addaatiif Itiyoo Telekoom, Dhaabbanni Elektirikii Ityoophiyaa, fi qaamota birootiin ilaalchisee yaaddoon addaa ka’eera.
Dabalataanis miidhamtoonni akka himatanitti manneen fincaanii fi seensi dhaabbilee fayyaa dhaqqabamaa hin taane qaama miidhamtoonni kunuunsa fayyaa argachuuf garmalee rakkisuu fi yeroo dhukkubsatan illee akka baay’ee rakkatan isaan taasiseera. Dubartoonni qaama miidhamtoota ta’an rakkoolee yeroo ulfaa fi da’umsaa isaan mudatan addatti ragaa ba’uun, dhaabbilee eegumsa fayyaa hojimaata dhaqqabamaa, adeemsii fi bakki argama isaa hin beekkamne keessatti haalawwan gad aanaa ibsaniiru.
Kana malees, dhaabbileen barnootaa dhaqqabamaa ta’uu dhabuu irraa kan ka’e, akka gufuu guddaatti kaasuun, qaama miidhamtoonni karaa barnootaatiin of guddisuu fi jireenya hawaasummaa fi dinagdee keessatti guutummaatti hirmaachuu akka hin dandeenye isaan taasiseera. Haaluma walfakkaatuun, bakkeewwan hojii dhaqqabamaa hin taane qaama miidhamtoota heddu hojii idilee isaanii irraa ala isaan taasisuu kan itti fufe yoo ta’u, yeroo baay’ee hojii al-seerummaa, hojii dhabdummaaf ykn hirkattummaaf isaan dirqisiisa. Miidhaamtoonni dhaabbileen mootummaa dhaqqabamaa hin taane qaama miidhamtoonni tajaajila barbaachisoo kan akka baankii argachuuf deeggarsa namoota biroo irratti akka hirkatan akkamitti akka isaa dirqisiisanis ibsaniiru.
Walumaagalatti dhaabbileen komiin irratti dhiyaate 23 akkasumas qooda fudhattoonni mootummaa dhimmi ilaallatu akka deebii kennitootaatti hirmaataniiru. Ragaawwan kennaman hordofuun deebii kennitoonni yaaddoowwan dhaabbilee isaanii irratti ka’an dhugaa akka ta’e fudhatanii, qaama miidhamtootaaf daandii fi ijaarsa dhaqqabamummaa isaanii mirkaneessuuf sirreeffama barbaachisaa ta’e akka godhan waadaa galaniiru. Dabalataanis dhaabbilee qaama miidhamtootaa dhimmi ilaallatu waliin tumsuu fi hojiirra oolmaa ulaagaalee sadarkaa dhaqqabamummaa cimsuuf dhaabbileen waadaa galaniiru. Angawoonni hayyama ijaarsaa, dambii fi to’annoo itti gaafatamummaa qaban tooftaa raawwachiisummaa fi to’annoo cimsuuf caalaatti waadaa galaniiru.
Daandiiwwanii fi gamoowwan tajaajila ummataa jalqabuu isaanii dura bu’uura ulaagaalee seeraa biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin dizaayinii, ijaarsa fi to’annoo keessa darbuu isaa mirkanaa’uu qaba. Dhaabbileen fayyaa, baankiin, manneen barnootaa, fi dhaabbileen ummataa fi dhuunfaa biroo qaama miidhamtootaaf tajaajila hunda hammate kennuu danda’uunsaanii mirkaa’uu qaba; dhaqqabamuu isaanii wajjin walqabatee murtii kennamu keessatti galtee isaanii karaa hiika qabuun hammachuu qabu.
KMNI deebii kennitoota dhaabbileen isaanii hundi yaada kennaman guutummaatti eegguudhaan akka hoiirra oolchan cimsee ibsa. Akkasumas, qaamoleen hayyama ijaarsa, ijaarsaa fi to’annoo yaadota furmaataa kana dhaabbilee dhimmi ilaallatuun akka hordofanii fi hojiirra oolchan akka mirkaneessan gaafatee jira.
KMNI’tti Komishinarri Mirgoota Siivilii, Siyaasaa fi Hawaas-Dinagdee Doktor Abdii Jibriil akka ibsanitti, Itoophiyaa keessatti qaama miidhamtoonni miliyoonotaan lakkaa’aman dhugaa hadhooftuu ijaarsa gamoo fi daandii dhaqqabamaa hin taane kan jireenya isaanii guyyaa guyyaatif baay’ee barbaachisoo ta’een dhandhamuu itti fufaniiru. Kanarraa kan ka’es, mirgoota fayyaa, barnoota, hojii fi tajaajila ummataa isaniif malu walqixuummaan argachuu hin dandeenye. Bu’uuraaleen misoomaa baasii guddaadhaan kan ijaaraman yoo ta’u, loogii tokko malee hundaaf dhaqqabamaa ta’uu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Doktor Abdiin dabalataan dhaabbilee gamoo dhaqqabamaa ijaaran beekamtii kennuun barbaachisaa ta’uu cimsanii ibsuun, miidhamtoonni muuxannoo jireenya isaanii ibsachuu isaaniif, akkasumas dhaabbileen deebii kennan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu fi jijjiirama hiika qabu fiduuf waadaa galaniif galateeffataniiru.