Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Yuunivarsiitii Finfinnee Mana Barumsaa Seeraa (AAU-SoL) fi Waldaa Manneen Barnootaa Seeraa Itoophiyaa (ELSA) waliin ta’uun; Yaa’ii Qorannoo Ce’umsa haqaa Idil-addunyaa mata duree “Qorannoo fi Imaammata Walitti qindeessuun Nageenya waaraaf” jedhuun Bitootessa 18 hanga 19, 2018 A.L.I Finfinneetti gaggeesseera. Yaa’ichi adeemsa ce’umsi haqaa Itoophiyaa boqonnaa murteessaa ta’e kanatti qindoomina qorannoo, imaammataa fi raawwii gidduu jiru cimsuuf kan akeekedha.

Yaa’ii kanarratti qaamoleen imaammata baasan, qorattoonni, hayyoonni fi ogeeyyiin seeraa, dhaabbileen hawaasa siivikii fi dhaabbileen idil-addunyaa adda addaa hirmaataniiru.

Yaa’icha kanaa cinaatti waltajjiwwan itti gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuu, dhugaa baasuu, sirna beenyaa, fooyya’iinsa dhaabbilee, hirmaannaa fi hammatamummaa, akkasumas gahee qooda fudhattootaa irratti gaggeeffamaniiru. Waltajjiiwwan kanneen keessatti adeemsi ce’umsa haqaa biyyoolessaa Itoophiyaa ilaalcha muuxannoo ardii fi idil-addunyaatiin qoratameera. Kana malees, Yuunivarsiitii Finfinnee mana Barumsa seeraatti (AAU-SoL Ethiopian Human Rights Law Series) Barruu seera mirgootaa namoomaa Itoophiyaa wal duraa duubaan qophaayu keessaa maxxansa addaa 20 irratti gamaaggamni ogummaa keessa-deebii hiriyaa (peer review) taasifameera. Kunis qulqullina qorannichaa fooyyessuu qofa osoo hin taane, qabiyyee imaammata fooyyessuuf akka galteetti faayidaa argamsiisuu danda’eera.

Waltajjiiwwan marii irratti gaheen ce’umsi haqaa ijaarsa nageenyaa itti fufiinsa qabuuf, akkasumas deeggarsa dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyoolessaa fi Gamtaan Afrikaa adeemsa haqaa ce’umsaa amanamaa, qabatamaa fi bu’a qabeessa ta’eef taasisan xiyyeeffannoon itti kennameera. Kana malees, adeemsa raawwii fuulduraatiif qindoomina dhaabbilee cimsuu fi muuxannoowwan darban irraa barachuun barbaachisaa akka ta’e kaafameera.

Hirmaattonni yaa’ichaa Imaammata ce’umsa haqaa biyyoolessaa guutummaatti hojiirra oolchuuf qindoominaan hojjachuu fi qophii dhaabbilee, akkasumas hirmaannaa qooda fudhattootaa itti fufiinsa qabuu fi tumsi cimaan barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Diiniin Mana Barumsaa Seeraa Yuunivarsiitii Finfinnee Prof. Muraaduu Abdoo adeemsa ce’umsa haqaa biyyoolessaa Itoophiyaa deeggaruuf tumsi barnootaa fi imaammataa wal-irraa hin citne akkasumas barbaachisummaa muuxannoo biyyoota biroo irraa fudhachuu ibsaniiru.

Komishinarri Mirgoota Siivilii, Siyaasaa, Hawaasummaa fi Diinagdee KMNI Dooktar Abdii Jibriil; ragga’uun Imaammata ce’umsa haqaa tarkaanfii guddaa ta’uu kaasanii, xiyyeeffannoon guddaan raawwii bu’a qabeessa, ijaarsa dhaabbilee, amantaa ummataa horachuu fi fedhii miidhamtootaa milkeessuu irratti ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluunis, qaawwa imaammataa fi raawwii guutuuf qorannoo gadi fagoo fi marii hunda hammate taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, KMNI’n qooda fudhattoota hunda waliin qindoomuun ce’umsa haqaa mirgoota namoomaa kabajuu fi miidhamtoota giddu-galeessa godhate hojiirra oolchuuf kutannoo qabu mirkaneessanii jiru.