Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) leenji leenjistoota ce’umsa haqaa irratti guyyoota lamaaf Bitootessa 8 fi 9, 2018 hojjattoota Kutaa Barnoota Mirgoota Namoomaa’tiif magaalaa Bischoofstuutti kenneera. Leenjiin kun beekumsa leenjistoota kutaa hojii gama ce’umsa haqaa irratti qaban fooyyessuu fi jaalleewwan kutaa hojii kanaa dandeettii ogummaa sadarkaa olaanaa kutaalee hawaasaa adda addaa fi qooda fudhattoota leenjisuuf isaan barbaachisu akka horatan taasisuudhaaf addatti kan qophaa’edha.


Hojjattoonni Barnoota Mirgoota Namoomaa ce’umsa haqaa irratti beekumsa cimaa waan qabaniif, leenjiin leenjistootaa kun qaawwa beekumsa yaadaa bu’uuraa fi hojiirra oolmaa ce’umsa haqaa gidduu jiru walxaxiinsa ce’umsa haqaa haala naannoo keessatti hojiirra oolchuu irratti kan xiyyeeffate ture. Mata dureewwan ijoo leenjichaa akkaataa waliigalteewwan haalaa nagaa fi adeemsa ce’umsi haqaa itti bocamuu fi xiinxalamu, akkasumas walitti dhufeenyaa fi hariiroo dhugaa barbaaduu, araaraafi itti gaafatamummaa gidduu jiru hubachuuf caasaalee ce’umsa haqaa adda addaa qorachuudha faa of keessaa qaba. Leenjichi gahee sirnoonni aadaa ce’umsa haqaa keessatti qabanii fi sirnoota haqaa biroo waliin walitti qindaa’uu isaanii irratti marii kan hamate ture. Adeemsa ce’umsa haqaa hordofuu fi sarbama seeraa galmeessuu keessatti gahee addaa dhaabbileen mirgoota namoomaa biyyoolessaa qaban qorataniiru.

Kana malees, KMNI gama ce’umsa haqaatiin raawwate irratti xiyyeeffate mariin kan taasifame yoo ta’u, kanaanis yaada-furmaataa mootummaaf kennuudhaan, adeemsa tarsiimoo hirmaannaa miidhamtootaa fi miseensota hawaasaa saaxilamoo ta’anii qopheessuu deeggaruun, adeemsa ce’umsa haqaa waliin walqabatu hordofuu fi yaada kennuu irratti xiyyeeffate ibsameera. Hojiin KMNI itti aanee dhufu kuusaa ragaa miidhamtootaa (victims database) qindeessuun, beenyaa yeroo (interim reparation) irratti qorannoo gaggeessuu, fi meeshaalee adeemsa ce’umsa haqaa fi walitti hidhamiinsa naannoowwan xiyyeeffannoo kanneen akka buqqaatota, dubartoota, fi qaama miidhamtoota irratti xiyyeeffatan qopheessuudha.

Leenjiin leenjistootaa guyyoota lamaaf kennamee kun ibsa ogeeyyii fi hojii muuxannoo wal-jijjiiruu kan of keessaa qabu yoo ta’u, mala leenjii hirmaattotaan durfamu kan hordofee ture. Leenjiin kun shaakala qabatamaa fi marii gareetiin kan deeggaramee yoo ta’u, yaaddolee walxaxaa haala biyyaalessaa wajjin walqabsiisedha. Kana malees, hubannoo adeemsa ce’umsa haqaa idil-addunyaa bal’isuuf muuxannoo biyyoota akka Yuugaandaa, Gaambiyaa fi Afrikaa Kibbaa waliin walbira qabamee akka xiinxalamu taasifameera.

Hirmaattonni leenjii leenjistootaas tooftaalee fi miira hojimaata koorniyaa fi hirmaannaa miidhamtoonni bu’uura ce’umsa haqaa keessatti, hudhaalee hojiirra oolmaa ce’umsa haqaa, akkasumas adeemsa kana keessatti gahee qooda fudhattoota mootummaa fi miti mootummaa irratti mari’atameera.

Xumura leenjichaa irratti leenjistoonni mata dureewwan walxaxaa kana leenjifamtoota adda addaatiif akka dabarsan qophii isaan dandeessisu argataniiru. Hojiin kun hubannoo hojjattoonni KMNI ulaagaalee ce’umsa haqaa idil-addunyaa fi ardii irratti qaban ni dabala, akkasumas gahee waliigalaa KMNI adeemsa ce’umsa haqaa biyyaalessaa keessatti qabu ni cimsa.