Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) argannoo hordoffii bulchiinsa mirgoota namoomaa sirreeffamtootaa fi shakkamtootaa manneen sirreessaa 4, buufataalee poolisii 19 fi giddu-gala tursiisa al-idilee 4 Naannoo Gaambeellaa keessatti argaman irratti taasiserratti qooda fudhattoota waliin Waxabajjii 16 fi 17, 2018 Magaalaa Gambeellaatti mari’ateera. Maricharratti Pireezidaantonni Mana Murtii Waliigalaa fi Mana Murtii Ol’aanaa Naannoo Gaambeellaa, Komishiniin Poolisii Naannichaa, Komishiniin Manneen Sirreessaa, Bulchiinsa Manneen Sirreessaa Godinaalee, Biiroo Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Damee Gaambeellaa, Naannichatti kan argaman qajeelchi poolisii fi ajajoonni buufataalee poolisii akkasumas sadarkaa godinaatti kan argaman qaamoleen haqaa fi bulchiinsaa, qondaaltonni fi bakka bu’oonni irratti hirmaataniiru.

Waltajjicharratti argannoowwanii fi yaadni furmaataa hordoffii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) manneen sirreessaa naannichaa, buufataalee poolisii fi wiirtuuwwan tursiisa al-idilee keessatti gaggeesse dhiyaatanii mariin irratti taasifameera. Hordoffii kana keessatti buufataaleen poolisii hundinuu ajaja manni murtii kennu kabajuun isaanii, shakkamtoonni qaama seeraan aangoon kennameef qofaan too’annoo jala kan oolan ta’uun isaanii, buufataaleen poolisii irra caalaan isaanii akkaataa qajeelfama seeraatiin qofa shakkamtootni kan sakatta’aman ta’uun isaa, manneen sirreessaa tokko tokko keessatti hanqina meeshaalee kutaa ciisichaa furuuf hojiin hojjetame jiraachuun isaa, sirreeffamtootni fi shakkamtoonni manneen sirreessaa fi buufataalee poolisii keessatti maatii isaaniitiin, abukaatota isaaniitiin, gorsitoota amantaa fi qaamolee birootiin mirgi daawwatamuu isaanii kan kabajameef ta’uun isaa, bilisummaan amantaa isaaniif kabajamuun isaa, fi qabeenyi shakkamtootaa fi sirreeffamtootaa mana sirreessaa seenuu hin qabne sirnaan galmeeffamee kan kaayameef ta’uun akka raawwii gaariitti eeramaniiru.

Haa ta’u malee manneen sirreessaa fi buufataalee poolisii irra caalaa keessatti kutaaleen ciisichaa garmalee kan guutaman fi hacuucaman, hanqina qulqullinaa olaanaa kan qabnii fi bultiif akka ta’utti kan hin tolfamne ta’uun isaanii, buufataalee poolisii fi maneen sirreessaa tokko tokko keessatti shakkamtootaa fi sirreeffamtoota irratti reebichi kan raawwatamuu fi sirna bulchiinsa odeeffannoo ammayyaa ta’e diriirfamuu dhabuun, qaamolee hawaasaa sarbama mirgoota namoomaaf saaxilamoo ta’aniif addatti kunuunsii fi deeggarsi jiraachuu dhabuun, manneen sirreessaa keessati nyaanni kan hin qophoofne ta’uun, sirreeffamtootni meeshaalee nyaata itti bilcheeffatan argachuuf kan rakkatan ta’uun, maallaqni sirreefamtootaaf kennamu (guyyaatti Birrii 75) qaala’iinsa gatii jireenyaa yeroo ammaa kana ilaalcha keessa hin galchinee fi gahaa ta’uu dhabuun, baajatni manneen sirreessaa yeroo isaatti kan gad hin lakkifamne ta’uun isaa, manneen sirreessaa keessatti hanqinni tajaajila yaalaa fi dhiyeessiin qoricha, akkasumas dhaabbileen tajaajila deeggarsa seeraa bilisaan kennan jiraachuu dhabuun qabxiilee argannoowwan hordoffiin akka yaaddessaa ta’eetti adda baafatee dha

Dabalataanis, shakkamtoonni buufataalee poolisii fi bakka tursiisa al-idilee keessatti argaman ajaja mana murtii malee to’annoo jala kan oolfamanii fi sa’aatii 48 keessatti mana murtiitti kan hin dhiyeeffamne, shakkamtoonni yeroo beellamaa jala jiran mana murtiitti osoo hin dhiyaatin yeroo dheeraaf too’annoo jala kan turan ta’uun, nyaanni guutumaan guutuutti kan hin dhiyaannee fi bakki nyaatni dhiyeenyaan itti argamuu danda’u kan hin jirre ta’uun, shakkamtoonni yaala fayyaa akka hin arganne, akkasumas buufataalee poolisii tokko tokko keessatti tajaajilli bishaanii fi mana fincaanii akka hin jirre gabaasa hordoffii keessatti qabxiilee xiyyeeffanno barbaadan ta’uun ibsameera.

Hirmaattonni marichaa argannoo fi yaada furmaata KMNIn dhiyaate akka fudhatan ibsuun, KMNI’n hojii hordoffii fi falmii isaa cimee akka itti fufu gaafataniiru. Hirmaattonni kun akka ibsanitti, bulchiinsi mirgoota namoomaa shakkamtootaa fi sirreeffamtootaaf xiyyeeffannoo guddaan kan barbaachisu waan ta’eef, qindoomina qaama hundaa kan barbaadu ta’uu ibsanii, dhimmoota mirgoota namoomaa akka yaaddootti adda baafamaniif furmaata kennuudhaaf qaamolee raawwachiiftuu naannichaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

KMNI’tti Daarektarri naannichaa kutaa hordoffii fi qorannoo mirgoota namoomaa Yoonaas Mulugeetaa, haala shakkamtootaa fi sirreeffamtootaa naannichatti mul’ate fooyyessuu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluunis, dhimmoonni yaaddoo ta’anii hordoffii keessatti adda baafaman furmaata akka argataniif KMNI qaamolee haqaa fi raawwachiiftuu naannichaa waliin tumsa qabu cimsee itti fufa jedhan.