Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Neetwork Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Afrikaa ((Network of African National Human Rights Institutions /NANHRI) waliin ta’uun walga’ii marii Ityoophiyaatti ardaa lammiilee babal’isuu fi eegumsa falmitoota mirgoota namoomaa cimsuuf kaayyeffate Ebla 7 fi 8, 2018 Finfinneetti gaggeessee jira. Marii kanarratti mootummoota gamtoomanitti komishinarri ol’aanaan waajjira baha Afrikaa (Office of the High Commissioner for Human Rights-East African Regional Office – OHCHR-EARO) Komishinii Gamtaa Afrikaarraa Kutaa Siyaasaa, Nageenyaa fi tasgabbii, institiyuutii mirgoota namoomaa Deenmaark irraa (Danish Human Rights Institution – DHRI), Komishinii Biyyoolessaa Mirgoota Namoomaa Keeniyaaraa (Kenya National Commission for Human Rights – KNCHR) fi Bakka Bu’oonni dhaabbilee hawaasa siivikii garaagaraa irraa babbahan hirmaataniiru.

Marii kanarratti barreeffamoonni ardaa lammiilee fi eegumsa falmitoota mirgoota namoomaa bu’uuraalee seeraa fi madaallii idil-addunyaa fi Ardii irratti xiyyeeffatan dhiyaatanii irratti mari’atameera. Kana malees, sochiin KMNI hordoffii, qorannoo fi waltajjii uummataa raawwachuudhaan akkasumas moodela seeraa ardaa lammummaa babal’isuu fi mirgoota falmitoota mirgoota namoomaa eeguuf qopheessuu waltajjii kana irratti dhiyaateera.

Hirmaattonni marii kanaa Itoophiyaa keessatti haala ardaa lammummaa fooyya’aa uumuuf gargaaru bu’uura seeraa fooyyessuu, falmitoota mirgoota namoomaas sarbamni mirgoota namoomaa qaamaan fi toora interneetiitiinis akka irra hin geenye irraa ittisuuf eegumsi gahaan akka taasifamuufii qabu cimsanii dubbataniiru.

Daarektarri Ol’aanaan Neetworkii Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Afrikaa (NANHRI) Gilbert Sebihogo, ardaa lammummaa babal’isuu fi eegumsa falmitoota mirgoota namoomaa cimsuuf kutannoon mootummaa akkasumas tumsi KMNI fi dhaabbilee hawaasa siivikii murteessaa ta’uu ibsaniiru.

KMNI’tti Daarektarri Kutaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa, Maqidas Amanuu, mirgi gurmaa’uu, yaada ofii bilisaan ibsachuu fi kabajamuun mirgoota odeeffannoo walabaa ardaa lammummaa babal’isuu fi eegumsa falmitoota mirgoota namoomaa cimsuuf barbaachisaa ta’uu cimsanii ibsuun, hojiirra oolmaa isaaf dhaabbilee hawaasa siivikii dabalatee qooda fudhattoonni hundi akka qindoominaan hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.