Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mirga gurmaa’inaa ilaalchisee Bitootessa 28, 2018 Finfinneetti qooda fudhattoota waliin marii gaggeesse. Maricharratti bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa siivikii, biiroo haqaa naannoolee, abbaa taayitaa sab-qunnamtii Itoophiyaa, konfedereeshinii waldaa hojjettoota Itoophiyaa, mana maree waloo paartilee siyaasaa Ityoophiyaa irraa babbayanii fi gaazexeessitootni hirmaataniiru.

Marii kana irratti, bu’uuraaleen seeraa idil-addunyaa, ardii fi biyyoolessaa akkasumas mirga gurmaa’uu ilaalchisee bu’aa argannoowwan hordoffii KMNI mirga kana ilaalchisee magaalaa Finfinnee fi Naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Sidaamaa, Somaalee fi Tigraay keessatti taasisaa ture dhiyaatanii bal’inaan mariin irratti taasifameera.

Mariicharratti hubannoon hojjettoonni mirga gurmaa’uu irratti qaban gad’aanaa ta’uun isaa gurmaa’anii mirga isaanii akka hin gaafanne gufuu uumuu isaa; hojjettoota mirga isaanii gaafatan irrattis hojiirraa ari’amuu dabalatee dhiibbaan bulchiinsaa adda addaa kan irratti raawwatamu ta’uun isaa, akkasumas daangeffamni dhaabbilee hawaasa siivikii irratti raawwatamu dhiibbaa hamaa mirga gurmaa’inaa fi dhimmoota siviilii irratti fidu qabxiilee yaaddoodhaan ka’anii dha.

Hirmaattonni marii kanaa mirga gurmaa’uun mirgoota bu’uuraa heera Mootummaa Itoophiyaatiin eegamu keessaa tokko ta’uu isaa fi namni kamiyyuu kaayyoo seera qabeessa kamiifuu waldaa keessatti gurmaa’uuf mirga akka qabu, raawwii isaatiif bu’uura seeraa fi hojmaata mijaawaa uumuun akka barbaachisu xiyyeeffannoodhaan kaasaniiru.

Daarektarri Kutaa Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa KMNI Maqidas Amanuu, mirgi gurmaa’uu bu’uura hirmaannaa dimokiraasii waan ta’eef mootummaan keessattuu dirree filannootti paartileen siyaasaa, kaadhimamtootni, filattootni fi dhaabbileen hawaasa siivikii akka gurmaa’anii fi bilisaan akka hojjetan haala dandeessisu uumuu akka qabu ibsameera. Itti dabaluunis mirgi gurmaa’uu daangeffamuu kan danda’u bu’uura tumaalee mirgoota namoomaa idil-addunyaatiin barbaachisaa fi madaalawaa kan ta’u yoo ta’ee qofa, raawwii kanaatiifis qaamoleen hundi qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.