Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Waldaa Namoota qaro-dhabeeyyii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa fi Waajjira Mootummoota gamtoomaniitti Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa waliin ta’uun Itoophiyaan marii Pirotokoolii Mirgoota Qaama Miidhamtootaa Afrikaa (African Protocol on the Rights of Persons with Disabilities) raggaasisuuf haala mijeessuuf kan kaayyeffate waltajii marii Waxabajjii 15, 2018 A.L.I Finfinneetti adeemsise. Waltajjicharratti miseensota Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataa dabalatee aanga’oonni fi ogeeyyonni Ministeera Haqaa, Inistiitiyuutii Seeraa fi Haqaa Federaalaa, Yuunivarsiitii Finfinnee, waldaalee qaama miidhamtootaa fi qooda fudhattoonni biroo irratti hirmaataniiru.


Marii kanarratti qabiyyeen Pirotokoolii Qaama Miidhamtootaa Afrikaa, kaayyoowwan isaa fi gumaachi Pirotokoolichi eegumsa mirgoota qaama miidhamtootaatiif qabu bal’inaan dhiyaateera. Pirotokoolichi waliigaltee mirgoota qama miidhamtootaa Mootummoota Gamtoomanii waliin garaagraummaa fi walitti dhufeenya, akkasumas haala Itoophiyaa keessatti qaama miidhamtootaaf eegumsi inni taasisuu danda’u tokko tokkoon dhiyaateera. Qabiyyee addaa fi haaraa pirotokoolichaa keessaa qaama miidhamtoonni dubartoota, dargaggoota, daa’immanii fi maanguddoota ta’an sarbama mirgootaatiif saaxilamoo ta’uu isaanitiif beekkamtii kenna. Haaluma wal fakkaatuun, miidhaa fi loogummaa qaama miidhamtoota irratti raawwatamuuf, akkasumas gochoota duubatti hafoo kanneen akka hawaasa irraa dhiibamuu hambisuuf, bu’uura eegumsaa bal’aa diriirsuu isaa fi gaheen manneen murtii aadaa gama haqa argamsiisuutiin akkasumas namoota gurraan hin dhageenyeef filannoo waliigaltee ijoo kan ta’e mallattoon afaanii fi kanneen kanaan wal qabatan duudhaawwan walootiif (deaf culture) beekamtii kennee argameera. Dabalataanis, saaxilamummaa qaama miidhamtootni hiyyummaa fi miidhaa dinagdee kanaan walqabatee jiruuf kunuunsa guutuu hawaasaa fi barbachisummaa tajaajila deeggarsaatiif beekkamtii kan kenne ta’uunis ibsameera.


Pirotokooliin kun haala qabatamaa biyyoolessaa fi Ardii tilmaama bu’uura seeraa keessa kan galchu ta’uu isaa bira darbee, sochiiwwan mirgoota qaama miidhamtoota Itoophiyaa guutuu taasisan cimsuuf, gochoota miidhaa geessisan ittisuu fi akkasumas ilaalchota loogii fooyyessuuf kan fayyadan galteewwan hammataman faaydaa ol’aanaa kan qaban ta’uu waltajicharratti kaafameera. Kana malees, dirqama pirotokoolichaan kaa’ame bahachuufi hojiirra oolmaa isaanii hordofuuf dhaabbilee jiraniin alatti qaama raawwachiiftuu haaraa hundeessuun barbaachisaa akka hin taanes eerameera.Hirmaattonni marii kanaas faayidaa Itiyoophiyaan pirotokoolicha kana raggaasisuun argachuu dandeessu guddaa ta’uu eeranii eegumsa mirgoota namoomaa qaama miidhamtootaa cimsuuf, bu’uuraalee seeraa fi imaammataa fooyyessuuf, akkasumas guddinaa fi hirmaannaa hunda hammattoo jajjabeessuuf Pirotokoolichi hatattamaan ragga’uu akka qabu eeraniiru.

Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa KMNI Mohaammad Ahimad, bu’uuraaleen seeraa hojiirra jiran akkuma jiranitti ta’ee, Pirotokooliin Qaama Miidhamtootaa Afrikaa raggaasisuun, kabajamuu mirgoota qaama miidhamtootaatiif carraa dabalataa kan uumu jedhaniiru. Itti dabaluunis hojiin waliigaltee Ardichaa kana raggaasisuu fi gara hojiitti hiikuun hirmaannaa fi kutannoo qooda fudhattoota hundaa kan barbaaduu waan ta’eef adeemsa jalqabaa kanneen raawwachuun pirotokoolicha saffisaan xumuruuf tarkaanfiin qabatamaa akka fudhatamu yaadachiisaniiru.
Pirotokooliin Afrikaa Qaama Miidhamtootaa Ammajii 28, 2018 A.L.A(Ammajii 20, 2010) kan ragga’e yoo ta’u, Adoolessa 5, 2024 (Waxabajjii 28, 2016) irraa eegalee waliigalteen kun biyyoota mallatteessan hunda keessatti dirqama kan ta’ee fi baay’ina biyyoota mallatteessanii hojiirra akka oolu hayyaman waan argateef hojiirraoolee jira. Waliigalteen Sadarkaa Ardii kun waggoota 8 darban keessatti biyyoota 17 keessatti kan ragga’e yoo ta’u, Itoophiyaan hanga ammaatti waliigalticha hin raggaasifne.