Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI), wiirtuuwwan deebisanii dhaabuu fi dhaabbilee fayyaa 13 Naannolee 4 fi Bulchiinsa magaala Finfinnee kees-satti argaman irratti mirga tajaajila deebisanii dhaabuu qaama miidhamtootaa fi mir-ga meeshaalee irkifannaa argachuu ilaalchisee hordoffii mirgoota namoomaa adeemsiseen argannoowwan adda baafate irratti qooda fudhattoota wajjiin caamsaa 13, 2018 A.L.I. Finfinneetti marii adeemsiseera. Hordoffiin kun bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Naannoolee Amaaraa, Oromiyaa, Kibba Itoophiyaa fi Tigirayitti kan argaman wiirtuuwwan deebisanii dhaabuu fi hospitaalota rifaraalaa irratti kan geggeefamee dha.

Marii kana irratti hooggantoonni fi ogeeyyiin Fayyaa, Barnootaa fi Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa, Dhaabbileen Fayyaa, Wiirtuuwwan Haaromsa Qaamaa, Biiroleen Fayyaa Naannoo, Waldaaleen Qaama Miidhamtootaa, akkasumas Dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa biroo irratti argamanii jiru.

Waltajjicharrattis maalummaa tajaajila haaromsaa, akkasumas bu’uuraaleen seeraa fi imaammataa idil-addunyaa fi biyyaalessaa tajaajila haaromsaa waliin walqabatan     irratti ibsi taasifameera. Kana malees, KMNI’n hordoffii haala mirgoota namoomaa      irratti kan adda baafate qabxiilee gaarii fi yaaddessoo ta’an tokko tokko dhiyaateera. Bu’uuraaleen seeraa tajaajila deebisanii dhaabuu ilaallatan jiraachuu, meeshaaleen irkifannaa qaamaa tokko tokko biyya keessatti oomishamuu jalqabuu isaanii, ogeeyyiin damee kanaa naamusa ogummaa hordofuun tajaajila kennaa jiraachuu isaanii, akkasumas tajaajilli irkifannaa qaamaa Itoophiyaa wal bira qabamee yoo ilaallamu dhiyeessiin meeshaalee gargaarsaa fooyya’iinsa qabaachuun isaa haala gaariin eerameera.

Gama biraatiin dhaabbileen tajaajila deebisanii dhaabuu fi meeshaalee gargaarsaa kennan muraasa ta’uu, bakkeewwan fagoo baadiyyaa rakkisaa ta’e keessatti dhaqqabamaa ta’uu dhabuu; seektaricha keessatti hanqinni humna namaa guddaan kan jiru ta’uu isaa fi  barnootni tajaajila deebisanii dhaabuu dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kennamuu dhabuun isaa akka qabxiilee yaaddessaa ta’aniitti kaafamaniiru. Kana malees hanqinni dhiyeessii meeshaalee irkifannaa qaamma, teeknooloojiiwwanii fi maashiniiwwanii jiraachuu, meeshaalee fi maashinoonni tajaajila kennaa jiran kan dulloomanii fi kan hin dalagne ta’uu isaanii fi bakkeewwan tajaajilli deebisanii itti kennaman kan hin mijatne ta’uu, qaama miidhamtoota adda addaaf  tajaajila deebisanii dhaabuu hunda hammataa fi guddaa (comprehensive) ta’e jiraachuu dhabuu, bu’uurri imaammataa fi karoorri hojii damichaa qajeelfamuu dhabuu fi hanqinni baajataa guddaan dhimmoota fooyya’uu qabaniifi akka yaaddootti kaafamaniidha.

Hirmaattonni marii kanaa dhaabbileen tajaajila deebisanii dhaabuu fedhii baay’ee waan qabuuf, meeshaalee fi humna namaatiin akka gurmaa’an, dameen kun sirna dhaabbilee barnootaa olaanoo keessatti akka hammatamu, mootummaan imaammata tajaajila haaromsaa bocuun damichaaf xiyyeeffannoo akka kennuu fi baajata gahaa ramaduu fi hojii hubannoo uumuu bal’inaan akka raawwatu gaafataniiru.

Komishinarri Mirga Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa KMNI Mohaammad Ahmed qaama miidhamtoonni tajaajila deebisanii dhaabuu fi mirga meeshaalee irkifannaa akka argatan mirkaneessuuf hojii leellistummaa fi hordoffii KMNI’n ho-jjatu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis, yaada furmaataa bu’uura ar-gannoo hordoffii irratti hundaa’uun dhihaatan akka raawwataman, hanqinni meeshaalee irkifannaa qaamaa fi humna namaa damichaa akka furamu, sadarkaa kenniinsa tajaajilaa dhaabbilee fooyyessuu fi dhaabbilee dhaqqabamaa taasisuuf qooda fudhattoonni hundinuu gumaacha gochuu fi tumsuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.