Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI); Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ebla 15, 2018 walgahii idilee 16ffaa waggaa 5ffaatiin kan raggaasise Muudama Itti aanaa Koomishinara Ol’aanaa fi Komishinaroota gammachuu guddaadhaan ibsa. Muudamni kunniin Bu’uura Hundeeffama Komishiniichaa labsii Lakk.210/1992 (akka labsii lakk. 1224/2012 fooyya’eetii) adeemsa ifa ta’e, eeruu uummataa fi hirmaannaa koree filachiistuu walabaatiin kan raawwatame dha.

Haaluma kanaan Dooktor Mizaannee Abbaataa Taaddasaa itti aanaa Komishinara Ol’aanaa KMNI ta’uun muudamaniiru. Dooktorr Mizaaneen hayyuu mirgoota namoomaa dursaa fi Yunivarsiitii Finfinneetti Gargaaraa Piroofeesara Seeraa Mirgoota Namoomaa yoo ta’an; hordoffii mirgoota namoomaa, haaromsa dhaabbilee fi barnoota seeraa irratti muuxannoo bal’aa qabu. KMNI keessatti gitoota hojii hoggansa ol’aanoo adda addaa irratti kan tajaajilaa turan yoo ta’u, dhiheenya kanas Gorsaa Ol’aanaa Dhimmoota Tarsiimoo Komishinara Ol’aanaa KMNI ta’uun tajaajilanii gama misooma imaammata fi ijaarsa dhaabbileetiin gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Obbo Badhaasaa Lammeessaa Kabbadaa Komishinara Barnootaa fi Leenjii Mirgoota Namoomaa ta’uun muudamaniiru. Obbo Badhaasaan Mirgoota Namoomaarratti hordoffii, qorannoo fi hoggansa dhaabbilee irratti muuxannoo bal’aa kan qaban ogeessa ol’aanaa dha. Dhiheenya kanas KMNI keessatti Daarektara Ol’aanaa Hordoffii fi Qorannoo mirgoota namoomaa ta’uun kan tajaajilaa turan yoo ta’u, dandeettii ogummaan isaaniitiinis raawwii hojii komishinichaa fi sirna hojii cimsuu keessatti gahee olaanaa taphataniiru.

Obbo Mohaammad Ahimed Hasan Komishinara Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa ta’uun muudamaniiru. Muuxannoo damee haqaa fi mirgoota namoomaa keessatti muxannoo waggaa 18 ol kan qaban yoo ta’u, Komishinicha keessatti Daarektara Hordoffii fi Qorannoo Mirgoota Namoomaa ta’uun akkasumas Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Affaaritti abbaa murtii ta’uun tajaajilaa turuun alattis, beekumsaa fi muuxannoo gadi fagoo gama haqaa, eegumsa mirgoota namoomaa fi haaromsa dhaabbilee ‘tiin qaban kana qabatanii gara itti gaafatamummaa isaanii haaraa kana dhufaniiru.

Haaluma wal-fakkaatuun KMNI Aadde Ashannafach Ababbaba Albiin Komishinara Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii ta’uun muudamuu isaanii ibsa. Itti Aantuu Pirezidaantii Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa irraa kan dhufan Aadde Ashannafach, abbaa murtii, abbaa alangaa fi ogeessa seeraa ta’uun kan tajaajilan damee haqaatiin hooggansa dursaa dha. Keessattuu sirna haqaa daa’imman giddu galeessa godhate guddisuu, manneen murtii daa’immaniif mijatoo ta’an hundeessuu fi mirgoota dubartootaa fi daa’immanii kabachiisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaniiru.

Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo ergaa baga gammaddanii muudamtootaaf kan dabarsan yoo ta’u, “Muudamni Itti aanaa Komishinara Ol’aanaa fi Komishinaroota dameewwanii hoggansa Komishinichaa cimsuuf tarkaanfii guddaa fudhatamedha” jedhaniiru. Itti dabaluunis, “Ogeeyyii ol’aanoon ergama komishinichaa gadi fageenyaan hubatan gitoota iddoo hoggansaa kanneen irratti muudamuun isaanii dandeettii dhaabbata keenyaa kan agarsiisu waan ta’eef gammachuu addaa naaf kenna jedhaniiru. Kunis itti fufiinsaa hojimaataa fi ce’umsa mijataa KMNI mirkaneessuu qofa osoo hin taane, raawwii hojii bu’a qabeessa ta’e akka qabaannu ni dandeessisa. Haaluma wal-fakkaatuun, hoggantoota ilaalchaa fi muuxannoo haaraa fidanii dhufan simachuu keenyatti gammadneerra. Gareen kun wal-wajjiin ta’ee ergama keenya mirgoota namoomaa namoota hundaaf kabajuu fi kabajjisiisuu ni milkeessa” jechuun ibsaniiru.