Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Itti aanaa Koomishinara Olaanaa fi Komishinaroota dameewwanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaatiin (HPR) haaraa muudamaniif sagantaa wal-baruu Ebla 30, 2026, waajjira muummee isaa Finfinneetti qopheesse. Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummattootaa, Dura taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Dimookiraasii, Komishinara Jeneraalaa Komishinii Mana Sirreessaa Federaalaa, Yenus Mulu, michoota affeeraman, fi hojjettoonni KMNI saganticha irratti argamaniiru.

Sagantaa kana irratti waa’een dudduubee ogummaa, beekumsaa fi barnoota itti aanaa Koomishinara Olaanaa Dr. Mizaanee Abaataa; Komishinara Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii Ashannafach Abbabaa; Komishinara Barnootaa fi Leenjii Mirgoota Namoomaa, Badhaasaa Lammeessaa; akkasumas Komishinara Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa Obbo Mahaammad Ahimad dhiyaatee jira. Hirmaattonni kara isaanitiin adeemsa muudamaa banaa, iftoomina qabu, koree filannoo walaba ta’een komishinaroota calalamanii darban kanaaf yeroo hojii milkaa’aa akka qabaatan hawwii guddaa qaban ibsaniiru.

Dabalataanis, sagantaan beekamtii fi hawwii gaarii Dr. Abdii Jibriil fi Albaab Taasfayee, miseensa koree mirgoota diinagdee, hawaasummaa fi aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (CESCR) fi Koree Ogeessota Mirgoota fi Nageenya Daa’immanii Afrikaa (ACERWC) ta’uun filatamaniif beekkamtii kennuun sagantaan baga gammaddanii qophaa’era. Bu’aan isaanii kun biyya isaaniifis ta’e KMNI’tiif bu’aa boonsaa qaba.

Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Mana Sirreessaa Federaalaa Yeenus Muluu gitoota hojii hoggansa banaa ta’an ogeessota gahumsa qabaniin guutuun KMNI’n ergama isaa haala bu’a qabeessa ta’een akka ba’u gargaaruu akka danda’u eeraniiru. Mirgi sirreeffamtotaa guutummaatti akka eegamu Komishiniin Mana Sirreessaa Federaalaa KMNI waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jirus hubachiisaniiru.

Kabajamoo Obbo Ewunatuu Aallenee, Dura Taa’aa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii mana maree bakka bu’oota ummattootaa akka ibsanitti, muudamtoonni ulaagaa barbaachisu guutan 72 keessaa adeemsa dorgommiitiin kan filataman ta’uu ibsaniiru. Mirgoota namoomaa kunuunsuu fi dagaagsuun hojii ofiif jecha hojjatamu ta’uu cimsanii dubbataniiru. Dura taa’aan kun walabummaa KMNI kabajuun Manni Marichaa deeggarsa barbaachisu akka kennu mirkaneessaniiru. Muudamtoonni seeraa fi qajeelfamtoota eeggachuun dirqama isaanii akka bahanis jajjabeessaniiru.

Komishinarri Ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo akka ibsanitti, muudamtoonni hedduun isaanii KMNI keessatti ittigaafatamummaa adda addaa iraattii tajaajilaa kan turan yoo ta’u, kunis dandeettii dhaabbatichaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Kunis dhaabbatichi madda hoggantootaa fi ogeessota damee mirgoota namoomaa hedduu ta’aa jiraachuu isaa fii abdii kan namatti horu akka ta’e dubbataniiru. Komishinarri ol’aanaan kun itti dabaluudhaanis, kaayyoon muudamtootaa inni guddaan bara hojii isaanii keessatti KMNI’n walaba ta’ee akka turu, hojiiwwan mirgoota namoomaa kabachiisu akka guddisuu fi raawwii yaada murtii isaa fooyyessuu akka ta’e dubbataniiru. Dabalataanis muudamtoonni mul’ata kana galmaan ga’uuf gahee isaan irraa eegamu akka bahatan gorsaniiru.