Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) waltajjii hubannoo uumuu dubartootaa fi hoji gaggeessitoota raawwii dhimmoota hawaasummaa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti argamaniif komii miidhaa koorniyaa irratti hundaa’e keessummeessuu fi to’achuu irratti Waxabajjii 19, 2018 A.L.I. Finfinneetti adeemsise. Waltajicharratti Magaala Finfinnee, Naannolee Amaara, Giddu-galeessa Itoophiyaa, Oromiyaa, Kibba fi Tigiraay irraa kan babbayan hojii gaggeessitoonni raawwii dhaabbilee barnoota olaanoo dhimmoota dubartootaa fi hawaasummaa dabalatee argamaniiru.

Waltajjicharratti miidhaa koorniyaa bu’uureffate fi mirgoota namoomaa dubartootaa, akkasumas qajeeltoowwan komii koorniyaa irratti hundaa’e keessummeessuu fi too’achuu irratti barreeffamoonni dhiyaatanii mariin irratti taasifameera. Dabalataanis, hirmaattonni miidhaa koorniyaa irratti hundaa’e yuunivarsiitii isaanii keessatti mul’atu keessummeessuu fi ittisuuf hojimaata diriirfame, sirna ol-iyyannoo/rifaraala fi deeggarsa miidhamtootaa, akkasumas hojimaatni haqaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun gamaaggamamee, muuxannoowwan gaggaarii fi hanqinni fooyya’iinsa barbaadan, akkasumas haala tarkaanfiiwwan itti aanan fudhatamuu qaban irratti muuxannoo fi yaada waljijjiiraniiru.

Hirmaattonni Yunivarsiitii isaanii keessatti miidhaa koorniyaa irratti hundaa’e ittisuu fi deebii isaaf malu kennuu irratti qormaata isaan mudatu qoodaniiru. Kanneen keessaa imaammata gos-tokkee, hanqina qajeelfamaa fi hojimaata walfakkaataa, hanqina hubannoo, dhabamuu eegumsa iccitii, sirna komii keessummeessuu iftoominaa fi dhaqqabamaa hin taane, akkasumas adeemsi miidhamtootaaf haqa baasuu dadhabsiisaa, dheeraa fi bu’aa bayiin kan itti baay’atu ta’uun keessatti argama. Dabalataanis, daangeffamni bulchiinsa odeeffannoo, sirni ol’iyyannoo, tajaajila deeggarsa xiinsammuu, fi itti fayyadamni teeknooloojii, akkasumas qindoominni qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin hojjachuu laafaa ta’uun akka qormaataatti eerameera.

KMNI’tti Komishinarri Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii Ashannafachi Abbabee dubartoonni hedduun manneen barnootaa dabalatee bakka adda addaatti sarbama mirgoota namoomaa ittisuuf haala barumsaa bilisaa fi nageenyuummaan isaa kan eeggame naannoo barnootaa uumuun barbaachisaa ta’uu eeranii, kutaaleen hojii koorniyaa dhaabbilee barnoota ol’aanoo keessatti hundeeffaman mirgoota barattoota dubartootaa kabachiisuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa akka qaban cimsanii hubachiisaniiru.