Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa waliin ta’uun waltajjii hubannoo uumuu Waxabajjii 4, 2018 A.L.I. Finfinneetti adeemsise. waltajjiin kun hubannoo hoggantoonni dhaabbilee amantaa waa’ee aangoo fi itti gaafatamummaa KMNI akkasumas qajeeltoowwan hordoffii mirgoota namoomaa, tooftaa odeeffannoon itti funnaannamuu fi sirna dursanii akeekkachiisuu irratti qaban guddisuuf kan akeekedha.

Waltajjicharratti bakka bu’ootni Waldaa Bataskaana Ortodoksii Tawaahiidoo Itiyoophiyaa, Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa, Waldaa Kaatolikii Itoophiyaa, Mana Maree Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa fi Waldaa Adveentistii Guyyaa Torbaffaa irraa bobaa’an argamanii jiru.

Hirmaattonni waltajjichaa hordoffii mirgoota namoomaa, sirna dursanii akeekkachiisuu, gahee dhaabbileen amantaa eegumsaa fi dagaagina mirgoota namoomaa irratti qaban, akkasumas sodaan sarbama mirgoota namoomaa furmaata akka argatuuf dhaabbileen amantaa KMNI waliin qindoominaan akkamitti akka hojjachuu qaban irratti mari’ataniiru.

Kana malees, waltajjiichi KMNI fi Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa haala  eegumsa mirgoota namoomaa fi ijaarsa nageenyaa irratti waliin hojjechuu danda’an irratti Fulbaana 19, 2018 waliigaltee Magaala Jimmaatti walii mallatteessan hojiitti jijjiiruuf haal-mijataa uumeera.

Itti aanaan barreessaa olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Haaji Masuud Aadam mirgoota namoomaa kabachiisuun itti gaafatamummaa qaama hundaa ta’uu ibsanii, haala mirgoota namoomaa biyyattii fooyyessuuf KMNI waliin ta’uun hojjechuuf yaa’iin qophii ta’uu isa mirkaneessaniiru.

Itti aanaan koomishinara ol’aanaa KMNI Dr. Mizaanee Abaatee gaheen dhaabbileen amantaa mirgoota namoomaa kabachiisuuf qaban ol’aanaa ta’uu eeruun gara fuulduraatti hubannoo mirgoota namoomaa fi barnootaa akkasumas dursanii akeekkachiisuu mirgoota namoomaa irratti waliin hojjechuu akka qaban ibsaniiru.