Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) mata duree ‘’Hubanoo-Namtolchee fi Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti; carraawwanii fi Hudhaawwan’’ jedhuun waltajii hubannoo uumuu hojjettootasaaf Gurraandhala 20, 2018 Finfinneetti gaggeesse. Waltajiichi Itoophiyaatti babal’achuu Hubanoo-namtolcheedhiibbaa mirgoota namoomaa irratti qaburratti hubannoo uumuuf kan kaayyeffatedha.

Waltajjicharratti maalummaa Hubanoo-namtolchee, guddina saffisaa teekinoolojichi taasisaa jiruu fi dhiibbaa gaarii fi yartuu mirgoota namoomaa irratti qabu, wantoota hamaa, akkasumas eegumsaa fi kabajaa mirgoota namoomaatiif gumaacha inni godhurratti ibsi bal’aan dhiyaatee irratti mari’atameera.

Maricha irrattis Hubanoo-namtolcheen eegumsa mirgoota namoomaa waliigalaa fooyyessuu fi cimsuuf gahee ol’aanaa akka qabu ibsameera. Keessattuu, teeknooloojichi furmaata kutaalee hawaasaa: qaama miidhamtoota, maanguddoota, dubartoota, daa’imman, godaantota, baqattootaa fi gareewwan hawaasaa saaxilamoo ta’an kanneen biroo gargaaruu, qaqqabamummaa odeeffannoo fi tajaajila dhiyeessuu fi guddisuu waliin wal-qabatee gumaachi muuxannoo biyyoota biro irratti hundaa’e dhiyaatee yaadni qorannoo bal’aan irratti mari’atameera.

Gama biraatiin, Hubanoo-namtolchee (Artificial Intelligence) haala qajeeltoowwan mirgoota namoomaa xiyyeeffanoo keessa galcheen yoo hojiirra hin oolle, loogummaa babal’isuu, haqa jallisuu, akkasumas eegumsa ragaa dhuunfaa fi yaada ofii bilisaan ibsachuu dabalatee walumaagalatti kabaja fi eegumsa mirgoota namoomaarratti dhiibbaa hamaa fiidu danda’uunsaa akka qabxii yaaddessaatti kaafameera.

Dr. Mizaane Abaate, Gorsaa Ol’aanaan dhimmota tarsiimowaa Komishinara Ol’aanaa KMNI, dandeettii ogeeyyota Komishinichaa guddisuun gumaacha gaarii fi yartuu Hubanoo-namtolcheen mirgoota namoomaaf qabu sirriitti adda baasanii hubachuun, itti fayyadamni isaa mirgoota namoomaa akka kabaju mirkaneessuu; Hojiilee dhaabbatichaa haala haaraa kanaan walsimsiisuun akka barbaachisus ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis, karoorri fi tarsiimoon waggaa shanii kan (2026-2030) hojiiwwan KMNI Hubanoo-namtolchee waliin walqabatanis keessatti hammatamu qophaa’aa akka jiru eeraniiru.