Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Komishinara Ol’aanaa Birhaanuu Adelloon durfamu, Walgahii Waggaa Idil-addunyaa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa (Global Alliance of National Human Rights Institutions – GANHRI) bara 2026, Siwiizarlaand Jeeneevaatti Bitootessa 30 hanga Ebla 01, 2026tti gaggeeffame irratti hirmaateera.Walgahii guyyoota 3f ture kana keessatti Walgahii Biiroo Gamtaa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa, Yaa’ii Waliigalaa, yaa’ii networkii naannoo, akkasumas walgahii Wal-Jijjiirraa Muuxannoo fi Konfiraansii Waggaa GANHRI Kan hamate ture.

Bitootessa 30, 2026 Komishinarri Ol’aanaan Walgahii Naannoo Neetworkiin Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Afrikaa (NANHRI) yeroo ammaa Itti Aanaa Dura Taa’aa ta’uun tajaajilaa jiran irratti hirmaataniiru. Guyyaa itti aanutti Komishinarri Ol’aanaan Yaa’ii Waliigalaa GANHRI marii hojii Waliigalaa Waggaa Gamtaa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa, beekamtii Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa (NHRI Acreditation) irratti odeeffannoo haaraa, fi karoora hojii fi baajata GANHRI irratti mari’atame irratti hirmaataniiru.

Walgahii yaa’ii hordofuun, sagantaa waljijjiirraa muuxannoo Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa (NHRI) mata-duree “Eegumsaa fi Hammatamuu Namoota Socho’aa jiraniif: Hordoffii Walabaa, Itti Gaafatamummaa, fi Mirgoota Argachuu” jedhuun gaggeeffameera. Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa Biyaalessaa (NHRI) sarbama mirgoota namoomaa godaantootaa, baqattootaa, koolu galtootaa, buqqaatota biyya keessaa fi namoota lammuummaa hin qabne mudatan hordofuu fi galmeessuu keessati muuxannoowwan gagaarii fi qormaatilee jiran wal-jijjiiraniiru. Wal-ijjiirraan muuxannoo kun akkaataa dhaabbatichi namoota sochii irra jiraniif mirgootaa fi tajaajiloota bu’uuraa akka argatan itti jajjabeessan irratti xiyyeeffateera.

Wal-gahiin Waggaa Gamtaa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Ebla 01, 2026 gaggeeffame, mata-dure “Gahee Dhaabbileen Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Addunyaa Dijitaalaa Keessatti Mirgoota Namoomaa Guddisuu fi Tiksuu Keessatti Qaban” irratti xiyyeeffateera. Yaa’ichi Ibsa Bu’aa (Outcome Statement) Seerrii mirgoota namoomaa idil-addunyaa damee dijitaalaa keessatti guutummaatti raawwatiinsa akka qabu irra deebi’ee kan mirkaneessu fi Biyyoonni bu’uuraalee seeraa fi imaammataa bal’aa dhiibbaa mirgoota namoomaa teeknooloojiiwwan dijitaalaa ilaallatan akka fudhatan waamicha dhiyeessuun xumurameera.

Walgahii NANHRI kana cinaattis, Komishinarri Ol’aanaan Birhaanuu Adelloo, Mootummoota Gamtoomanitti Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) Jenevaatti argamuu Abdoul Aziz Thioye, Itti aanaa Daarektara Damee hojii addunyaa waliin wal arguun hojii KMNI mirgoota namoomaa eeguu fi guddisuu keessatti hojjetaa jiru, akkasumas karaalee OHCHR waliin tumsi cimee itti fufuu danda’urratti mari’ataniiru.

Itti gaafatamummaa dacha kan akka itti aanaa dura taa’aa NANHRI fi Komishinara Olaanaa KMNI kanaan, Komishinarri ol’aanaan Birhaanuu Adelloo dhaabbata obbolaa haaraa hundaa’e Komishinii Mirgoota Namoomaa Somaaliyaa waliinis wal arguun karaalee deeggarsa gochu danda’aman irratti mari’ataniiru. Mariin kun ijaarsa dandeettii dhaabbilee, gargaarsa ogummaa, fi carraa daawwannaa fi sagantaa wal-irraa barachuu qopheessuu irratti xiyyeeffateera.