Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) kan jiila Komishinara Ol’aanaa Birhaanuu Adeellootiin durfamu, walgahii koree hoji raawwachiiftuu fi Yaa’ii Waliigalaa NANHRI (Network of African National Human Rights Institutions) akkasumas Yaa’ii waggaa lamatti al tokko geggeeffamu kan marsaa 15ffaa NANHRI, Biyya Kaameruun Yaawundee’tti Gurraandhala 04-06, 2026A.L.A tti gaggeeffame irratti hirmaateera.



Akkaataa Heera NANHRI keewwata 56 ‘tiin, yaa’iin waggaa lama lamaa kun kutaalee Afrikaa adda addaatitti marsaa marsaan kan geggeeffamu yoo ta’u, yaa’iin bara 2027 A.L.A Naannoo Afrikaa Bahatti qophaa’a jedhamee eegama. Yaa’iin kun guutuu Ardii Afrikaarraa irraa qooda fudhattoota garagaraa kan wolitti fidu yoo ta’u isaan keessaa dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyoolessaa (NHRI), Gamtaa Afrikaatti damee mirgoota namoomaa, waldaalee siivikii, ogeeyyii mirgoota namoomaa fi hoyyootni isaan muraasa yoo ta’u, kunis dhimmoota mirga namoomaa barbaachisoo ta’an irratti mari’achuu fi adeemsa fuulduraatiif karoora walfakkaatu qabaachuuf isaan gargaara.
Yaa’ii Waliigalaa kanarratti Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) yaa’ii marsaa 16ffaa NANHRI kan bara 2027 A.L.A akka qopheessuuf sagalee guutuun kan filatame yoo ta’u, murteen kunis KMNI itti aanaa dura taa’aa NANHRI taasisa. Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) yaa’ii marsaa16ffaa kan waggaa lama lamaa kana qopheessuuf, ulaagaa sadarkaa-A (A-status) NHRI akka biyyoota Baha Afrikaatti keessummeessuuf guutummaatti kan guute yoo ta’u, kunis qajeeltoo bu’uuraa Paaris guutummaatti kan eeguu fi dirqama miseensummaa NANHRI waliin qabus haala gaarii irra jiraachuusaa agarsiisa.


Filannoo sagalee guutuun miseensotni NANHRI Komishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) ittiin filatan kun, KMNI mirgoota namoomaaf caalaatti kutannoo qabaachuu fi giddugala dippilomaasii fi magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee keessatti dandeettii yaa’ii ogeessota mirgoota namoomaa guddaa milkaa’inaan qindeessuu qabaachuu isaanii irratti amantaa guutuu qabaachuu isaanii caalmaatti calaqqisiisa.
Kana malees NANHRI’n Komishiinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) miseensa garee hojii daldalaa fi Mirgoota Namoomaa (Business and Human Rights) haaraa hundeeffame taasiseera. Kunis KMNI dhimma kanarratti hirmaannaa cimaa qabaachuu isaa ilaalcha keessa galchuun fi wixinee karoora hojii biyyoolessaa Itoophiyaa kan daldalaa fi mirgoota namoomaa irratti gumaacha murteessaa qabaachuu isaatiin filatameera.

Komishiinerri Ol’aanaa Birhaanuu Adeelloo, Carraa yaa’ii kana Itoophiyaan, Finfinneetti teessoo qooda fudhattoota naannoo fi idil-addunyaa adda addaa, Gamtaa Afrikaa fi waajjiraalee ijoo Mootummoota Gamtoomanii dabalatee qopheessuuf argatte, NANHRI’n ergaawwan isaa ijoo ta’an itti- dhiyeenyaan qooda fudhattoota barbaachisoo ta’aniif dhiibbaa guddaa akka godhaniif carraawwan garagaraa ni uuma jedhan.
Dhumarrattis, Komishiinarri Ol’aanaan qophii fi kutannoo Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoohpiyaa (KMNI) yaa’ii waggaa lamatti al-tokko geggeeffamu kan bara 2027 A.L.A fi Yaa’ii Waliigalaa NANHRI fi jiila isaa waliin ta’uun akka keessummeessan hubachiisaniiru.