Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI), , Dooktor Abdii Jibriil Alii, miseensa koree mirgoota diinagdee, hawaasummaa fi aadaa mootummoota gamttomanii (KMDHA) ta’ani filatamuu isaaniitti gammachuu guddaa itti dhaga’ame ibsaa, ergaa baga gammaddanii gammaddanii dabarsa. kaadhimamaa Itoophiyaa, Dooktor. Abdii Jibriil, Bitootessa 30, 2018 bakka bu’oota naannolee komitichaa keessatti duwwaa jiran guutuuf sagalee biyyoonni miseensota ta’an Niwiyoorkitti kennaniin filataman. Filannoon kun gahumsa ogummaa olaanaa Dooktor Abdii Jibriil kara mirgoota namoommaa keessatti qabaniifi hirmaannaa walitti fufiinsa qabu kan Itiyoophiyaan sirnoota mirgoota namommaa addunyaa waliin taasiftu kan calaqqisiisu ta’uu isaa KMNI ni hubata.
Koreen mirgoota diinagdee, hawaasummaa fi aadaa mootummoota gamttomaniitti (KMDHA) qaama ogeeyyii bilisaa ta’an 18 of keessaa qabuu fi biyyoonni miseensota ta’an waliigaltee Idil-addunyaa mirgoota Diinagdee, Hawaasummaa fi Aadaa (ICESCR) hojiirra oolchuu isaanii hordofuuf itti gaafatamummaa qabu dha. Waliigalteen kun mirgoota diinagdee, hawaasummaa fi aadaa kan akka mirga nyaata gahaa, manneen jireenyaa gahaa, barnoota, fayyaa, tajaajila hawaasummaa, bishaanii fi qulqullina, akkasumas hojii, kan mirkaneessu dha.
Komishinarri Ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adelloo Milkaa’ina guddaa Dooktor Abdii Jibriil Aliii argataniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun; gahumsa ogummaa olaanaa, kutannoo Dooktor Abdiin mirgoota diinagdee, hawaasummaa fi aadaa sadarkaa idil-addunyaatti kabachisuuf qaban irratti amantii guutuu qabaachuu isaanii ibsaniiru. Dabalataan, Komishinarri Olaanaan milkaa’inni kun hariiroo hojii Itoophiyaa fi KMNIn tooftaale mirgoota namoomaa idil-addunyaa, keessumaa qaamolee waliigaltee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Treaty Bodies) waliin qaban kan cimsu ta’uu isaa xiyyeeffannoo kennuun ibsaniiru. KMNI’n tumsa dhaabbilee idil-addunyaa waliin qabu cimsuun,, gabaasaa dhiyeessuu, fi raawwii yaada gorsaa hordofuudhaan, Itoophiyaa keessatti mirgoonni namoomaa daggasuu, eeguu, fi hojiirra akka oolan carraaqqii taasisu jabeessee akka itti fufu mirkaneessanii, Dooktor Abdiin itti gaafatamummaa haaraa isaanii Kanaan bara hojii milkaa’inaa akka uumuuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.