Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Itoophiyaan Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti hordoffii raawwii waliigaltee mirgoota qaama miidamtootaa akka bu’uura roga hordoffii walabaa (Independent Monitoring Mechanism) akkaataa keewwata 33 (2) tiin barbachisummaa moggaafamuu isaa ilaalchisee Adoolessa 14, 2018 A.L.I Finfinneetti qooda fudhattoota waliin mariin taasifame.


Bu’uurri Roga Hordoffi wixineeffamu Mirgoota waliigalticha keessatti hammataman guddisuu, eeguu fi hordofuuf bu’uura hordoffii gurmaa’uu qabu keessaa hojiiwwan ijoo dursa raawatamuu qaban seerotaa fi imaammata jiran ulaagaalee waliigalticha waliin walsimsiisuudha. Qaamolee mootummaatiif deeggarsa teeknikaa fi ijaarsa dandeettii ni kennuu. Kunis yaada kennuudhaan ykn kaka’umsa ofiitiin gabaasa qopheessuu fi komii sarbama mirgaa qorachuudha. Kana malees, dhimmoota gara mana murtiitti dabarsuusaa, safartuuwwan raawwi seeraa baasuudhaan dhiibbaa jiru madaaluu, akkasumas muuxannoowwan raawwii waliigaltichaa kan hammatu ijaarsa kuusaa ragaalee (data base) kan dabalatu ta’uu ibsameera. Bu’uurri roga hordoffii walaba ta’ee haal keeyyata waliigaltichaa 33 (1) tiin kan muudamu ergama waliigalticha raawwachiisuu akka bahatan qaamolee eegaman irraa adda kan ta’ee fi qaama raawwachiiftuu waliigaltichaan muudamu irraa walaba ta’uu isaati. Haaluma kanaan, mootummota gamtoomaniitti qaama seera raawwachiiftuu raawwii waliigaltee qaama miidhamtootaa qaama hordofu waliin garaagarummaa jiru, adeemsa moggaasaa fi muuxannoon biyyoota birootis dhiyaateera.

KMNIn bu’uura roga hordoffii walaba ta’e waliigaltichi akka raawwatuuf eeggamu aangoo fi ergma labsii hundeeffamaa lakk. 210/1992 (akka labsii lakk. 1224/2012 fooyya’eetiin) kan jiru waan ta’eef, waliigalticha babaldhisuu, eeguu fi hojiilee hordoffii waliin walqabatan keessattuu karaa kutaa hojii mirgoota qaama miidhamtootaa fi manguddootaatiin raawwatamaa jiru. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti akkaataa keeyyata 33(2) tiin kan moggaafamu bu’uurri roga hordoffii walabaa kun waliigaltee Mirgoota Qaama Miidhamtootaa ulaagaalee akka guutuuf irraa eeggamu hunda kan guutu yoo ta’u, bu’uura qajeelfama Paaris jalatti sadarkaa ‘A’ ta’uun beekamtii kan qabu waan ta’eef, KMNI’n dhaabbata haaraa gurmeessuu osoo hin barbaachisin hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa hordofuuf akka bu’uura hordoffii walabaatti akka moggaafamu isa dandeessiseera.

Waltajjii marii kanarratti, tooftaalee moggaasa bu’uura roga hordoffii, ijaarama, akkasumas aangoo fi itti gaafatamummaa isaa ilaalchisee akkaataa waliigaltee keewwata 33/1 tiin raawwii waliigalticha akka hordofu kan moggaafame Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa fi keewwata 33/2 jalatti hordofaa walabaa jedhamee muudamuuf kan eegamu gidduutti gaheen dhaabbataa ifatti adda baafamee wal-irra bu’iinsi hojii akka hin uumamne taasisuun akka barbaachisu ibsameera. Bu’uurri kun dhaabbileen hawaasa siivikii fi dhaabbileen michuu biroo akka miseensa koreetti akka hammataman haala mijeessuu akka qabu xiyyeeffannoon itti kennameera.

Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa KMNI, Mohaammad Ahimad, eegumsa mirgoota namoomaa mirkaneessuuf raawwii hojii mootummaa kan hordofu qaamni walaba ta’e tokko jiraachuun waan barbaachisuuf, KMNI’n dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti raawwii waliigaltee qaama miidhamtootaa akka hordofu moggaafamuun isaa hojiirra oolmaa waliigaltichaa sadarkaa ol’aanaatti mirkaneessuuf isa gargaara jedhani. Itti dabaluudhaanis, KMNI’n aangoo fi itti gaafatamummaa mirgoota namoomaa babaldhisuu, eeguu fi akka hordofuuf labsii hundeeffamaatiin isaaf kenname akka bahatuuf kan isa dandeessisu qooda fudhattoonni hundi marii kana keessatti waliigaltee irra ga’amee fi yaada kenname hojiirra oolchuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.