Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) workishoppii hubannoo uumuu dandeettii dhaabbilee fi adeemsa qophii ce’umsa haqaa hordofuuf qabu cimsuu irratti kaayyeffate Adoolessa 13-17, 2018 A.L.I. Magaala Bishooftuutti adeemsise. Mata dureewwan marii workishoppiin kun irratti xiyyeefate keessaa wixinee bu’uura roga hordoffii KMNI’tiin hojiirra oolmaa ce’umsa haqaa hordofuuf qophaa’e. Ogeeyyonni waajjira muummee KMNI fi waajjiraalee damee magaalotaa irraa dhufan workishoppii kana irratti hirmaataniiru.



Workishoppiin kun adeemsi ce’umsa haqaa miidhamtoota giddugaleessa godhate, hunda hammatee fi ulaagaalee mirgoota namoomaa idil-addunyaa kan guutu ta’uu isaa mirkaneessuuf hordoffiin walaba ta’e barbaachisaa ta’uu isaa ifoomseera. Kanumaan walqabatee wixineen bu’uura roga hordoffii KMNI kun, amanamummaa fi haqummaa adeemsichaa, akkasumas Heera Mootummaa fi ulaagaalee mirgoota namoomaa idil-addunyaa waliin walsimsiisuun isaa itti dhiyeenyaan akka hordofu kan gargaaru ta’uu hirmaattonni hubataniiru.



Workshopii kana irratti hirmaattonni qabiyyee Imaammata Cehumsa Haqaa Biyyaalessaa, hojiiwwan hanga ammaatti hojjetaman, gahee tarsiimoo KMNI, wixinee bu’uura roga hordoffii, fi qajeeltoowwanii fi ulaagaalee hordoffii irratti xiinxalaa fi marii bal’aa irratti adeemsisaniiru. Dabalataanis, muummeewwan hojii KMNI garagaraa tooftaalee hordoffii, mala gabaasaa, safartuuwwanii fi agarsiistota isaanii wixinee bu’uura roga hordoffii daran fooyyessuuf gargaaran irratti muuxannoo wal jijjiiraniiru.

Itti gaafatamtuun Waajjira Komishinara Ol’aanaa KMNI Qaalkidaan Darajjee, workishoppii kana irratti haasawa taasisaniin, barbaachisummaa adeemsa ce’umsa haqaa keessatti hordoffii mirgoota namoomaa walaba ta’e keessatti gaheen KMNI jajjabeeffamuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis wixineen bu’uura roga hordoffii aangoo KMNI haala gahaa ta’een calaqqisiisuu, muuxannoo fi beekumsa muummeewwan hojii isaanii hunda hammachuu akka barbaachisuu fi adeemsa guutuu keessatti hordoffii fi gabaasa walfakkaatuu fi ragaa irratti hundaa’e qopheessuu akka dandeessisuu cimsanii ibsaniiru.