Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa ga’ee dhaabbileen amantaa eegumsa mirgoota namoomaa fi ijaarsa nageenyaa keessatti qaban Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waliin Gurraandhala 19, 2018 Magaalaa Jimmaatti marii geggeessaniiru. Mariin kun dhimmoota Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fi Gumiin dhaabbilee amantaa waliin hojjechuu danda’an irrattis kan gaggeeffame yoo ta’u, Komishinara Ol’aanaa KMNI Berhaanu Addello fi Pireezidaantiin Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Luba Taagaay Taaddaleee, akkasumas qondaaltonni ol’aanoon KMNI fi Gumichaa hirmaataniiru.

Saganticharratti gahee dhaabbileen amantaa eegumsa mirgoota namoomaa fi ijaarsa nageenyaa keessatti qabanii fi muuxannoon biyyoota adda addaa akka ka’umsa mariif dhiyaateera. Haaluma kanaan dhaabbileen amantaa waldhabdeen osoo hin uumamin dursanii ittisuu danda’uurratti, walitti bu’iinsa mariidhaan furuu, hariiroo sababa walitti bu’iinsaatiin adda cite akkatuma duraan turetti supphanii deebisuu, miidhamtootaaf beekamtii, dhiifamaa fi beenyaan akka kafalamu taasisuu keessatti gahee ol’aanaa akka bahachuu qaban ibsameera. Biyya Roomaatti kan argamu Dhaabatni Amantaa kaatolikii “sant’egidio” jedhamu haalli adeemsi waldhabdee Mozaambiik dabalatee biyyota adda addaa keessa ture itti hiike, akkasumas dhaabbileen amantii Seeraaliyoon abdii haqa hawaasummaa mirkaneessuuf qaban fayyadamuun walitti bu’iinsa ummattoota biyyattii keessatti wal kabajanii jiraataa turan gidduutti uumamee ture adeemsi furmaata argate akka muuxannootti eerameera.

Waltajii kanarratti bu’aa hojii, gufuuwwan fi qabxiilee walta’iinsaa Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa irratti ibsi gabaabaan kan kenname; yoo ta’u, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bara 2002 A.L.I. irraa eegalee Gumiin Dhaabilee amantaa Itoophiyaa akka hundaa’uuf Deeggarsa hundagaleessaa fi tumsa bal’aa taasisaa akka ture haalaan kaafameera. Waldhabdee baroota darban naannawa Jimmaa, Oromiyaa keessatti uumamamaa ture hordofuun, Manni Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa fi Manneen Amantootaa Wangeelaa waliin ta’uun haala jiru tasgabbeessuu fi tumsa ergama hoggansa amantaa fi miira tajaajiltummaa ummataa hundaa’een hojii bu’a qabeessa hojjetaa turuu isaanii hordofee, naannichatti nageenyi waaraa akka uumamuuf carraa ni argamsiisa yaada jedhuun tumsa kana gara dhaabbataatti akka ol guddatu taasisuudhaan, “Marii Nageenyaa kora waliinii dhaabbilee amantaa itoophiyaa” jedhamee akka waamamu bara 2003A.L.I.‘tti hundeeffamuun isaa ibsameera. Bara 2007A.L.I.’tti dhaabbileen amantii gumaacha yaa’ichi ijaarsa nageenya biyyaa fi dhimmoota waloo irratti waliin hojjechuuf qabu tilmaama keessa galchuudhaan marii hooggantoonni sadarkaa biyyaatti gaggeessaniin “Gumiin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa” gara dhaabbata biyyoolessaatti guddachuu akka qabu taasifameera.

Hirmaattonni marii kanaa tumsi dhaabbilee lameenii wal-deeggarsa kanaan dura ture itti fufsiisuu fi dhimmoota dhala namaatiif fayyadan hunda irratti waliin hojjechuuf, hojiiwwan gama eegumsa mirgoota namoomaa fi ijaarsa nageenyaa keessatti gaggeeffaman bu’a qabeessa akka ta’an kan taasisu ta’uu hubachiisaniiru.



Marii kana boodas Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi Gumiin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waliin hojjachuuf kan isaan dandeessisu “Waliigaltee Jimmaa” mallatteessaniiru. Waliigaltee kanas gama KMNI ‘tiin Komishinara Ol’aanaa Birhaanuu Adeelloo, akkasumas Gama Gumii Dhaabbilee amantaa Itoophiyaatiin Luba Taagaay Taaddalee kan mallatteessan yoo ta’u, karooraa yeroo gabaabaa, giddu galeessaa fi dheeraa keessatti waliigaltee kana hojiirra oolchuu kan dandeessisu hojiiwwan hojjetamuu qabanis adda baasuun hojiiwwan akka raawwachiisaniif gareen hundeeffamee dhaabbilee lamaan keessaa miseensonni muudamanii jiru.

Pireezidaantiin Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Luba Taagaay Taaddalee haala nageenyi amansiisaan itti hin mirkanoofne keessatti mirgoota namummaa kabachiisuun rakkisaa ta’uu kaasanii, Dhaabbileen amantaa hojii amalaafi naamusa namootaa irratti jijjiirama qabatamaa fiduu danda’u hojjechaa akka jiran ibsuun, waliigaltichi hojiiwwan rakkoo hawaasummaa furuu danda’an gaggeessuuf kan gargaaru ta’uus hubachiisaniiru.

Komishinarri ol’aanaa KMNI Birhaanuu Adeelloo mirgi namoomaa barsiisa amantii hunda keessatti karaa tokkoon ykn karaa biraatiin ifatti akka ibsamu cimsanii dubbataniiru. Mariin kun Jimmaatti kan gaggeeffame Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa hundeessuuf gahee naannichaa fi KMNI qabaniifi hojiiwwan bu’aa gaarii galmeessan yaadachuu fi beekamtii kennuuf akka ta’es hubachiisaniiru. Itti dabaluunis, ijaarsa nageenyaa fi mirgoota qaamolee hawaasaa saaxilamoo ta’an irratti xiyyeeffachuun jijjiirama dhugaa fiduun ni danda’ama jedhanii abdiisaanii erga ibsanii, KMNI leenjii hubannoo fi guddina ogummaa, waltajjii marii fi deeggarsaa hundagalessa mijeessuuf itti gaafatamummaa isaa akka bahu mirkaneessaniiru.