Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) Ministeera Haqaa waliin ta’uun, raawwii waliigaltee idil-addunyaa loogii sanyii kamiyyuu dhabamsiisuu (International Convention on the Elimination of All Forms of Racial Discrimination (ICERD)) Itoophiyaa ilaalchisee wixinee gabaasa biyoleessaa waloo 17ffaa hanga 25ffaa irratti Waxabajjii 05, 2018 A.L.I., Finfinneetti walgahii marii gaggeesse. Kaayyoon ijoo marii kanaa, qooda fudhattoonni adeemsa qophii gabaasaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan, mootummaan dirqama walgiticha ICERD hojiirra oolchuu keessatti bu’aawwan gaggaarii galmeessise, akkasumas akkasumas hanqinoota fi hudhaalee jiran ilaalchisee yaada furmaata akka gumaachan gochuu dha.



Waltajjicharratti adeemsi qophii gabaasichaa dabalataa, hirmaachisaa fi marii irratti kan hundaa’e ta’uu isaa mirkaneessuuf, garee qophii gabaasaa (garee ministeerota dhimmi ilaallatu) dabalatee, Dhaabbilee Hawaasa Siivikii (CSO), ministeerota dhimmi ilaallatu, dhaabbilee mootummaa fi dhaabbilee idil-addunyaa hirmaataniiru. Kana malees, hirmattotni qabiyyee ijoo waliigaltichaa fi yaada goolabaa (Concluding Observations) Koreen Loogii Sanyii Kamiyyuu Dhabamsiisu (CERD) gabaasa kanaan dura Itiyoophiyaan ALA bara 2001 dhiyeessiteef deebii deebise irratti hubannoo akka argatan taasifameera.



Yeeroo marii gareetti, (FGD) hirmaattonni wixinee gabaasa kanaa irratti yaadaa fi yaaddoo qaban qoodaniiru. Gareen Ministeerota fi misisteerri haqaa gabaasa dhumaa gabbisuuf galteewwan dhiyaatan hundaa of-eggannoon galmeessaniiru.

Daarektarri dhimmoota seeraa Tumsa Idil-addunyaa Ministeera Haqaa, Yuusuf Jemaw, mootummaan dirqama gabaasa yeroo isaa eeggate yeroon qaamolee waliigalteef gabaasa dhiyeessuu qabu cimsee ibsuun, barbaachisummaa adeemsa gabaasni biyyi tokko dirqama mirga namoomaa isheef qabdu madaaluu keessatti barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Akkasumas gabaasa waloo biyoolessaa 17ffaa hanga 25ffaa kan waliigaltichaa (ICERD) kan yeroon isaa darbee ture qopheessuuf adeemsa hordofame kan ibsan yoo ta’u, adeemsicha keessatti hudhaalee mudatanis eeraniiru.

Komishinarri mirgoota Siiviilii, siyaasaa, hawaasummaa fidiinagdee, Doktor Abdii Jibriil, haala raawwii waliigalteewwan mirgoota namoomaa idil-addunyaa madaaluuf dirqama gabaasaa yeroo yeroon raawwachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii ibsuun, gabaasni Itoophiyaan CERDf dhiheessitu yeroo dheeraaf kan darbe ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis dhaabbileen hawaasa siivikii fi dhaabbileen mootummaa gabaasa biyyaalessaa qopheessuu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan gaafataniiru, dhaabbileen hawaasa siivikii ammallee hojiirra oolmaa ICERD irratti gabaasa dhuunfaa ykn dabalataa dhiyeessuuf mirga akka qabanis eeraniiru.