Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) dhaabbilee hawaasa siivikli waliin ta’uun waltajjii marii woggaa mirgoota namoomaa irratti Waxabajjii 25 fi 26, 2018 A.L.I Magaalaa Bishooftuutti adeemsiseera. Waltajjicharratti hooggantoonni ol’aanoon KMNI, miseensonni tumsa waltajjichaa sadarkaa biyyaalessaa fi naannoleetti hundeeffaman 45 oli fi tola ooltotni hirmaataniiru.

Mariin haala waliigalaa mirgoota namoomaa biyyatti akkasumas hojiiwwan waloo tumsa waltajjii kanaa irratti taasifamee jira. Keessattuu bara baajataa 2018tti mirgoota siivilii fi siyaasaa akkasumas hawaasummaa fi diinagdee ilaalchisee qabxiilee fi taateewwan gurguddoon galmaa’an qoratamaniiru. Haaluma kanaanis mirgoota lubbuun jiraachuu fi bilisaan socho’uu, haala qabiinsa namoota to’annaa jala jiranii, akkasumas eegumsa mirgoota qaamolee hawaasaa sarbamaaf saaxilamoo ta’anii (namoota biyya keessaa buqqa’an, baqattootaa fi godaantota, dubartootaa fi daa’imman, qaama miidhamtootaa fi maanguddoota) irratti mariin bal’aan taasifameera. Dabalataanis, dhimmoonni ijoon kanneen akka marii biyyaalessaa, filannoo fi cee’umsa haqaa kan fafakkaatan adeemsa biyyaalessaa keessatti mul’atan xiinxalamaniiru.

Gama biraatiin hirmaattonni fakii waliigalaa naannoo lammummaa fi qormaata falmitoota mirgoota namoomaa fi gaazexeessitoota mudachaa jiran ilaalchisee mari’ataniiru. Kanaanis raawwii tumsa waltajjiiwwan naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigiraay keessatti hundeeffamanii xiinxaluudhaan haala waliigalaa mirgoota namoomaa naannawa san jiranii fi hanqinaalee yeroo itti aanu xiyyeeffannoo barbaadan adda baasaniiru. Kabajamuu Mirgoota namoomaa mirkaneessuuf hariiroo KMNI fi dhaabbilee hawaasa siivikii gidduu jiru cimsuun, sirna hojii walfakkaataa diriirsuun, akkasumas wal-hubannaa fi qindoominaan hojjechuu xiyyeeffannoo murteessaan itti kennameera.

Waltajjichi keessattuu Naannolee Affaar, Amaaraa fi Tigiraay keessatti kan argamanii fi miseensota waltajjii tumsa KMNI fi waldaalee siivilii kan ta’an dhaabbileen hawaasa siivikii kan itti wal irraa baratan, hariiroo isaanii kan itti cimsatanii fi haala Komishinicha waliin hojachuuf isaan dandeessisu mijeeffachuu irratti carraa isaaniif kan uume yoo ta’u, haala mirgoota namoomaa woqtaawaa fi yaaddessaa yeroo ammaa naannoleetti mul’achaa jiru furmaata itti laachuuf tarkaanfiiwwan tarsiimawaa gara fuulduraatti fudhatamuu qaban adda baasuun akka danda’amu taasiseera.

Waltajii marii kanarratti kan argaman Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Itti Aanaan Hogganaa Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Jooseef Nubaadim, waltajjiin tumsa KMNI fi waldaalee siivilii walta’iinsa dhaabbilee birootiif akka fakkeenyaatti fudhatamuu kan danda’u ta’uu ibsanii, dhaabbilee jidduutti carraaqqiin waloo taasifamu kabajamuu mirgoota namoomaatiif faayidaan inni qabu ol’aanaa ta’uu hubachiisaniiru.

Komishinarri ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo Itoophiyaatti haala mirgoota namoomaa fooyyessuuf odeeffannoo waqtaawoo waliif qooduun, carraaqqiiwwan qindeessuu fi hordofuudhaan waliin hojjechuun akka barbaachisu hubachiisan. Itti dabaluunis miseensonni waltajjii tumsaa mirgootni namoomaa akka dagaagu, akka eeggamuu fi kabajamuuf qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.