Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Godina Guraagee Bahaa Magaalaa Inseenoo fi Godina Guraagee Magaalaa Walqixxee akkasumas aanaalee naannawatti argaman keessatti Gurraandhala 6 hanga 27, 2018’tti Sirna simannaa komii sochootutiin iyyata sarbiinsa mirgoota namoomaa ilaalchisee hooggantoota ol’aanoo naannichaa waliin Bitootessa 4, 2018 waltajii marii magaalaa Hosaanaatti gaggeesseera.

Marii kanaanis komii KMNI karaa sirna komii Sochootuutiin dhiyaatan 323 keessaa dhimmoonni deebii hatattamaa barbaadan furmaata akka argatan taasifameera. Isaan keessaa shakkamtoonni mana murtiitti osoo hin dhiyaatin giddugaleessaan guyyoota 11 hanga 25 to’anna jala turan akka gadi lakkifaman, shakkamtoonni mana murtiitti dhiyaachuun gorsa maatii fi tajaajila yaalaa waliin walqabatee komiin dhiyaatu furmaata argachuunsaa beekkameera. Kana malees, KMNI qaamota dhimmi ilaallatu waliin walitti dhiyeenyaan hojiiwwan leellistummaa mirgoota namoomaa raawwachuudhaan mudatan dhiyaachuun bal’inaan irratti mari’atameera.

Gorsaa dhimma Seeraa Hogganaa Mootummaa Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Nurye Sulee, Gorsaa KMNI bara 2017 hordoffii qabiinsa mirgoota namoomaa naannichaa irratti hundaa’uun yaada furmaataa kenname hojiirra oolchuun bu’aa gaarii argamee ibsaniiru. Bu’uura sirna simanna komii sochootuu kanaan yaada dabalataa kennaman hojiirra akka oolchan qondaaltota dhimmi ilaallatuuf qajeelfama kennaniiru.

KMNI’tti Daayreektarri Riiginii Qorannoo fi Hordoffii Mirgoota Namoomaa, Bagaashaaw Ishetuu, akka ibsanitti, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) sagantaan sirna komii sochootuun hawaasaatti dhiyaachuun tajaajila dhaqqabamma isaa babal’isuuf hojii jalqabame jabeessee kan itti fufu akka ta’e ibsanii, naannichi yaadota furmaataa dhiyaatan hojiirra oolchuun haala mirgoota namoomaa fooyyessuuf tattaaffii taasisaa jiru cimsuu fi qooda fudhattoonnis eegumsaa fi kabajamuu mirgoota namoomaa mirkaneessuuf gahee isaanii akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.