Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Ministeera Haqaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itoophiyaa waliin ta’uun, workishoppii Gurraandhala 16-19, 2026 A.L.A Bishooftuutti (Itoophiyaatti) qopheessee jira. Workishoppiin kun dandeettii Dhaabbilee Hawaasa Siivikii (DhHS) cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, Tooftaa Biyyaalessaa Haarawa Hordoffii fi Gabaasa Walii-galtee Idil-addunyaa Loogii Sanyummaa Hunda Dhabamsiisuu dhiyeessuuf kan gargaaru.

Kaayyoon waliigalaa workishoppii kanaa hordoffii yaadota furmaataa qaamolee waliigaltee Itoophiyaaf dhiyaatan fooyyessuu fi gabaasa yeroon darbe irratti hirmaannaa dhaabbilee hawaasa siivikii dammaqinaan kakaasuuf haala mijeessuu ture. Workishoppii kanarratti Dhaabbilee hawaasa siivikii garagaraa, Miseensota koree Ministeerotaa, Tooftaa Gabaasaa fi Hordoffii Biyyaalessaa, bakka bu’oota Komishinii Poolisii Federaalaa, Tajaajila Baqattootaa fi baqaa-deebitootaa, Ministeera Haqaa, Ministeera hajaa Alaa, Ministeera dhimmi Dubartootaa fi Hawaasummaa, Minisiteera Barnootaa, Ministeera Karoora fi Misoomaa irraa dhufan hirmaataniiru.

Qophii Walgahii Dhaabbilee hawaasa siivikii kanarratti dhiyaateen wal-qunnamtii fi marii dirqama gabaasaa fi haala gabaasa Itoophiyaa yeroo ammaa fi gabaasa Itoophiyaa kan bara 2008 hordofuun ibsi waliigalaa guduunfaa daawwannaa bara 2009 Koreen Loogii Sanyummaa Dhabamsiisuu fudhate irratti taasifameera. Hirmaattonnis gahee dhaabbileen hawaasa siivikii hordoffii fi gabaasa keessatti qaban irrattis mari’achuun qophii wixinee gabaasa walii-galtee idil-Adunyaa Loogii Sanyummaa dhabamsiisuu irratti Ministeera Haqaa irraa yaada haarawa argataniiru. Guutummaa workishoppii kanaa keessatti gabaasa filannoo dhiyeessu, marii mootummaan durfamu irratti hirmaachuu fi ibsa al-seerummaa fi odeeffannoo haaromfame CERDf kennuu dabalatee gaheen murteessaa dhaabbileen hawaasa siivikii marsaa gabaasaa keessatti qaban hubatameera.

Dhaabbileen Hawaasa Siivikii marii garee xixiqqoon taasisuun, tumaalee addaa walii-galtee idil-Adunyaa Loogii Sanyummaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffatanii fi Daawwannaa Xumuraa ‘Koree Loogii Sanyummaa Dhabamsiisuu’ bara 2009 irratti kan hirmaatan yoo ta’u, yeroo kana keessatti haala raawwii walii-galtee Koree Idil Aduynaa Loogii Sanyummaa Dhabamsiisuu Itoophiyaa keessatti haalawwan gaarii ta’an ijoo fi naannoowwan yaaddoo ta’an adda baasuun irratti mari’ataniiru.

Workishoppiin kun dhaabbileen hawaasa siivikii sadarkaalee adda addaa hirmaannaa marsaa gabaasaa keessatti qaban, gahee isaan gabaasa Mootummaa dura, adeemsa gamaaggama Koree Loogii Sanyummaa Dhabamsiisu keessattii fi daawwannaa xumuraa hordofee, akkasumas gahee isaan gabaasa filannoo hordoffii fi hojiirra oolmaa keessatti qaban, kanneen akka raawwii hordofuu, haaromsa leellisuu fi hubannoo uumuu dabalatee qaban guddiseera.

Workishoppii kanarratti, mariin gidduu Koree Tooftaa Biyyaalessaa Gabaasaa fi Hordoffiitii fi Ministeerotaatti qormaata fi adeemsa odeeffannoo walitti qabuurratti, workshopii Sadaasa 2025 booda, erga Itoophiyaan gabaasa isa dhumaa Waliigaltee Idil-Adunyaa Koree Loogii Sanyummaa Dhabamsiisuu kan bara 2008 dhiyeessite booda, qaawwa waggoota 17 ilaalchisee marii gaggeessanii jiru. Akaatuma ibsa Karoora koree Kanaan workshop, wixinee gabaasa Waliigaltee Idil-Adunyaa Koree Loogii Sanyummaa Dhabamsiisuu guutuu qopheessuuf tarkaanfiiwwan barbaachisanii fi yeroo kaa’uun, yeroo workshopii kanaatti Koreen kun ragaa qooda fudhattoota adda addaa irraa argate qindeessuun xumuree ‘wixinee dhumaa marii dabalataa qooda fudhattoota waliin taasisu qopheesseera.