Dorgommiin biyyaalessa dhaddach-fakkii mirgoota namoomaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa marsaa 6ffaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI)tiin sadarkaa naannootti gaggeeffamaa ture marsaan jalqabaa xumuramee jira. Dorgommiin kun Ammajii 2018 irraa eegalee naannolee 12 fi bulchiinsa magaalaa 2 keessatti geggeeffamaa kan ture yoo taú, barattoota 182 manneen barnootaa 91 irraa kan itti hirmaataniifi isaan keessaas walakkaan isaanii dubartoota.





Dorgommiin kun dhimmoota mirgoota namoomaa yaad-uumee irratti barattootni iyyataa fi deebii kennaa bakka bu’uun falmii barreeffamaa fi afaaniin kan dhiyeessan yoo ta’u, Sirna falmii mana murtii idilee kan hordofu ta’ee, barattoota dorgomtootaa fi hawaasa mana barumsaa gidduutti beekumsaa fi dandeettii mirgoota namoomaa ijaaruuf kan akeeke dha. Dorgommiin bara kanaa dhimma mirgoota namoomaa mata duree “Mirga Barnootaa dirree Waldhabdee Hidhannoo Keessatti” jedhuu irratti kan xiyyeeffate dha.




Barattoonni dorgomtoota ta’an kutaa jalqabaa dorgommii jechuunis barreeffama falmii iyyataa fi deebii kennaa bakka bu’uun qopheessan xumuruun falmii afaanii sadarkaa naannootti gaggeeffamuuf gahaniiru. Falmiin afaani kunis Bitootessa 19, 2018 naannolee biyyattii hunda keessatti Magaalota filatamanii fi bulchiinsa magaalotaa keessatti ogeeyyiin seeraa fi mirgoota namoomaa akka abbootii murtiitti hirmaachisuun gaggeeffameera.



Dorgommii Dhaddach-Fakkii Mirgoota Namoomaa Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa sadarkaa naannootti:
- Finfinnee irraa: Mana Barumsaa Bultii Shamarranii Iteegee Manan,
- faar irraa: Mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Yenagew Tasfaa fi Warar,
- Amaaraa irraa: Akkaadaamii Haayilee Manaas,
- Benishaangul Guumuz irraa: Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Paaroo;
- Giddugaleessa Itoophiyaa irraa: Mana Barumsaa Bultii Lichaagogoo,
- Dirre Dawaa irraa: Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Saabbiyaan,
- Gaambeellaa irraa: Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Pin Yidoo;
- Hararii irraa: Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Jegnoochi
- Oromiyaa irraa: Akkaadaamii Hiil Toopsi,
- Naannoo Sidaamaa irraa: Giddugala Barnootaa Biinbii,
- Somaalee irraa: Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa fi Qophaa’ina Sheek Abdulsalam;
- Kibba Itoophiyaa irraa: Mana Barumsa Hawaasa Yuunivarsiitii Arbaa
Minci, - Ummata Kibba Lixa Itoophiyaa irraa: Mana Barumsaa Abuna T/Haymaanot fi
- Tigraay irraa: Almunaayi Aksuum sadarkaa lammaffaa injifataniiru.
Manneen barnootaa dorgommii kana qabxii olaanaan xumuran 15 keessaa gareewwan 8, falmii barreeffamaatiin qabxii ol’aanaa kan galmeessan dorgommii biyyaalessaa Eblaa 11 hanga 16, bara 2018 Finfinneetti gaggeeffamu irratti ni hirmaatu.




Dorgommichi sadarkaa naannootti milkaa’inaan akka xumuramuuf barsiisonni leenjistootaa, manneen barumsaa, maatiin barattootaa, qindeessitoonni biirolee barnootaa, waajjiraaleen barnootaa naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa fi qooda fudhattoonni gumaacha olaanaa taasisaniiru.