Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa bilisummaa murtii fi eegumsa mirgoota namoomaa akkasumas imaammata cee’umsa haqaa fi haaromsa damee haqaa irratti qondaaltota ol’aanoo naannoo giddu-galeessa Itoophiyaa fi abbootii murtii qaamolee haqaa waliin waltajii hubannoo ummuu Waxabajjii 20, 2018 Magaala Hosaanaatti gaggeessee jira. Waltajjicharratti muummee af-yaa’ii naannichaa Kabajamtuu Faaxee Sirmoolloo fi preezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Irsenoo Aburee dabalatee bulchitoota Godinaalee adda addaa fi Aanaalee Addaa, dhaabbilee damee haqaa naannichaa fi qooda fudhattoonni dhimmi ilaallatu biroo hirmaataniiru.

Waltajjicharratti bilisummaa murtii fi eegumsa mirgoota namoomaa, gahee dhaabbileen haqaa gama mirgoota namoomaa kabachiisuutiin gahee isaan qaban, akkasumas imaammata ce’umsa haqaa irratti barreeffamoonni qophaa’an dhiyaatanii mariin irratti taasifameera. Ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf, mirgoota namoomaa eegsisuu fi fudhatama fi amanamummaa dhaabbileen haqaa ummata biratti qaban guddisuuf barbaachisummaan sirna bilisummaa murtii ka’eera. Kana malees, itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, miidhamtootaaf beenyaa kaffaluuf, akkasumas nageenya waaraa fi araara buusuuf ce’umsa haqaa amanamaa, hunda hammattoo fi mirgoota namoomaa irratti hundaa’e hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uun ibsameera.

Af-yaa’ii muummeen mana maree bakka bu’oota uummataa naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Faaxee Sirmolloo KMNI’n waltajjii hubannoo uumu kana qopheessuun isaa dandeettii qaamolee haqaa naannichaa cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Komishinarri ol’aanaan KMNI, Birhaanuu Adeelloo Walta’iinsa dhaabbilee cimaa fi hojii hubannoo uumuu itti fufiinsa qabu hundeessuun sirna haqaa walabaa fi itti gaafatamummaa qabu ijaaruun akka danda’amu eeranii, qaamoleen dhimmi ilaallatu waliin ta’uun dhaabbilee haqaa naannichaa cimsuu fi eegumsa mirgoota namoomaa fooyyessuuf akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.