Haleellaa Waraanni Bilisummaa Oromoo ‘’A.B.O Shanee” jedhamuun beekamuun naannoo Oromiyaa Godina Arsii aanaalee adda addaa keessatti namoota irratti raawwatame hordofuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Sadaasa 26, 2016 A.L.I mootummoonni federaalaa fi naannoo itti gaafatamummaa mirkaneessuu dabalatee sarbiinsa mirgoota namoomaa deemaa jiruuf furmaata walmadaalu akka barbaadan ibsa baasuun ni yaadatama. Haalli Godinicha keessa jiru yeroo muraasaaf waan fooyya’aa jiru fakkaatus, garuu Onkoloolessa bara 2018 A.L.I irraa jalqabee gareen hidhate kun haleellaan namoota aanaalee Shirkaa, Gunaa, Martii, Asakoo fi Honqoloo Waabee keessatti raawwateen lubbuu namootaa, qaamaa fi qabeenya irratti miidhaa geessisuun, akkasumas sodaa nageenyaa irraa kan ka’e jiraattotni qe’ee isaanii irraa buqqa’uu KMNI eeruu fi iyyannoo buúureffachuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ragaalee maatii miidhamtootaa, jiraattota fi qondaaltota mootummaa naannoo irraa walitti qabeen mirkaneessuu danda’eera. Sababa haleellaa waraanni Adda Bilisummaa Oromoo (‘A.B.O Shanee’) Gurraandhala 19, 2018. A.L.I. godinicha aanaa Shirkaa ganda Jaawwii fi Aanaa Roobe ganda Gabbaa keessatti raawwateen hanga ibsi kun qindaayee gad-dhiifamutti namoonni lakkoofsi isaanii adda bayee hin beekamne ajjeefamanii, madaa’anii, butamanii akkasumas qe’ee isaanii irraa buqqa’uu odeeffannoon Komishinii Mirgoota Namooma Itoophiyaa karaa addaa addaa funaannate mirkaneesseera.

Komishinarri Ol’anaan KMNI Birhaanuu Adeelloo, naannoo Oromiyaa Godina Arsii iddoowwan adda addaatti haleellaan hidhattootaan namootarratti raawwatamaa jiru sarbama mirgoota namoomaa hordofsiisaa jiraachuu eeruun sababoonni sarbama mirgoota namoomaa kunniinis ajjeechaa, miidhaa qaamaa, buqqa’iinsa, ukkaamsaa akkasumas saamichaa fi barbadeessuu qabeenyaa ta’uu isaatiin jiraattonni jireenya isaanii nagaa fi tasgabbiidhaan akka hin geggeeffanne gochuudhaan mirga mirga lubbuun jiraachuu dabalatee rakkisaa taasiseera jedhan. Akkasumas, mootummaan federaalaa fi naannoo haleellaan irra deddeebi’amee itti raawwatamuu fi bakkeewwan haleellaa itti mudatutti humnoota nageenyaa gahaa akka bobbaasuu, akkasumas qaamolee qooda fudhattota waliin ta’uun jiraattota sababa haleellaa kanaan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniif deeggarsa namoomaa hatattamaa gahaa ta’e akka dhiyeessan, buqqaatonni gara iddoo irraa buqqanitti akka deebi’aniif haala mijeessuun haala itti fufiinsa qabu akka mijeessuuf, akkasumas haleellaa walfakkaataa dursanii tilmaamuun ittisuu irratti akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.