Jilli KMNI Dr. Mizaanee Abaatee, (Gorsaa Tarsiimawa Koomishiinara Olaanaa) ‘tiin durfamu, Komishinii Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa (KMNBK) Naayiroobii’tti Gurraandhala 17-20, 2026 daawwannaa wol-jijjiirraa muuxannoo tarsiimawaa taasise. Daawwannaan kun qondaaltota olaanoo fi ogeeyyii teeknikaa dhaabbilee lamaanii kan wolitti fide yoo ta’u, haasaawa michummaa gam-lameef marii caasaa kan tumsa Dhaabbilee Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa sadarkaa-A qaban lamaanii cimsu, tooftaa wolirraa barachuu fi muuxannoo woliif hiruuf haala mijeessuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Daawwannaa turtii guyyoota afuriif taasifame kana keessattis qabxiilee ijoo, yaaddan haarawa mirgoota namoomaa irratti itti-gaafatamummaa hangafaa fi muuxannoo gaggaarii wolii hiruuf woltajii gati qabeessa ta’eera. Mariin taasifame tooftaawwan yaada gorsaa hordofuu fi hojiirra oolmaa isaa mirkaneessuu, mala sarbama mirgoota namoomaa sirreessuun danda’amu fi gahee dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyaalessaa adeemsa haqaa ce’umsaa keessatti qabanirratti kan xiyyeeffatee dha. Jilli kun marsaa filannoo hunda keessatti raawwii mirgoota namoomaa irratti xiyyeeffate kan xiinxalle yoo ta’u, haala qophii karooraa fi tarsiimoo dhaabbilee woliigalaa qorateera.

Daawwannaa kana irratti Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa wolabummaa, dhaqqabamummaa fi bu’a qabeessummaa isaa cimsuuf waggoota jahan darban keessatti hirmaannaa haaromsaa bal’aa keessa turuu isaa ibseera. Jilli kun dandeettii qorannoo dijitaalaa fi bilisaa tarkaanfachiisuuf akkasumas dhaqqabamummaa dhaabbilee babal’isuuf waajjiraalee naannoo haaraatti hundeessuun, naannoo dhaqqabuun rakkisaa ta’etti bakka buáa ramaduun, akkasumas mala komii sochoáa hojiitti galchuun carraaqqii taasisaa jiraachuu ibseera. Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa itti dabaluudhaan, abukaatummaa sadarkaa olaanaan itti fufiinsa qabu aangawoota federaalaa fi naannoo waliin taasisaa jiraachuu, akkasumas tooftaalee mirgoota namoomaa idil-addunyaa fi michoota waliin hojjechuu, ejjennoo dhaabbilee isaa cimsuu fi yaada mirgoota namoomaa ijoo irratti tarkaanfiiwwan mootummaa barbaachisoo ta’an irratti gumaachuu isaa ibseera. Keessattu Imaammatni Ceeúmsa Haqaa Biyyaalessaa Itoophiyaa akka fudhatamuuf odeeffannoo kennuu keessatti Gabaasni Qorannoo Waloo KMNI fi Mootummoota Gamtoomanitti Waajjirri Oláanaa Mirgoota Namoomaa (office of the high commission for human rights) Waldhabdee Tigraay irratti baase murteessaa ta’uu Jilli Kun hubachiiseera.

Jilli kun hoggansa Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Biyyoolessaa Keeniyaa guddinaa fi eegumsa mirgoota namoomaa Keeniyaatiif godhe dinqisiifataniiru. Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa itti fayyadama ibsa “amicus curiae”, deeggarsa seeraa, falmii tarsiimowaa faayidaa ummataa, hojii inni daldalaa fi mirgoota namoomaa irratti hojjetu; tarkaanfiiwwan hidhaa ala ta’an babal’inaan hojiirra oolchuun garmalee kuufama mana hidhaa hirísuuf leellisuu isaa; fi hordoffii mirga namoomaa filannoo waliin walqabatee sirna dijitaalaatiin deeggaramuun isaa amanamaa ta’e fi kkf gita isaa KMNBK irraa barachuu akka muuxannoo gaariitti kaaseera . Jilli KMNI turtii KMNBK fi waliin hojjechuu isaatiin alattis, Waajjira Galmee Dhaabbilee Siyaasaa fi Garee Taajabduu Filannoo daawwachuun, aangoo fi gahee isaan bu’uura filannoo Keeniyaa keessatti qaban irratti ibsa bal’aa argateera.

Dr. Mizaanee Abaatee, Gorsaa Tarsiimawa Koomishiinara Olaanaa

Daawwannaan Koomishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa miiltooo isaa KMNBK’tti taasise, Dhaabbata Biyyaalessa Mirgoota Namoomaa hiriyaa lamaan dhimmoota mirga namoomaa sadarkaa walfakkaataa qaban irratti tumsa itti fufiinsa qabuu fi hirmaannaa cimsuuf kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessuudhaan xumuraniiru.