Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Mootummoota gamtoomaniitti Waajjira Komishinara Ol’aanaa Baqattootaa (UNHCR), Tajaajila Baqattootaa Jesuut (JRS) fi Giddu-gala Gargaarsa Seeraa Bilisaa Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun guyyaa baqattoota Addunyaa mata duree “Hanga nageenyummaan nama hundaa mirkanaa’utti” jedhuun waxabajjii 15, 2018 kabajeera. Sagantaan kun obsa, gumaachaa fi bu’aa baqattootaa kabajuu, mirgoota isaanii irratti hubannoo uumuu, eegumsa, hirmaannaa fi hammatamuu baqattoota Itoophiyaa cimsuuf kan kaayyeffate dha.

Saganticharratti Itoophiyaatti dhaabbilee baqattootaan hoogganaman keessatti baqattootaaf iddoo nageenyummaan isaa mirkanaa’e uumuuf mariin paanaalii kan gaggeeffame yoo ta’u, bakka bu’oonni Dhaabbilee Baqattootaan Hogganamanii (RLOs) barbaachisummaa mirga hirmaannaa fi hoggansa baqattootaaf gurmaa’uu, gumaacha jaarmiyaaleen isaanii baqattootaa fi hawaasa keessummeessitootaaf qaban, hojiilee hojjatamaa jiran, akkasumas carraa hirmaannaa baqattootaa cimsuu fi gara fuulduraatti hirmaannaa fi hoggansa baqattootaa cimsuuf carraalee jiran ilaalchisee muuxannoo isaanii qooddataniiru. Kana malees, dorgommiin gaaffii fi deebii barattoonni baqattoota magaalaa bu’uuraalee seeraa idil-addunyaa, ardiilee fi biyyaalessaa mirga baqattootaa fi Guyyaa Baqattoota Idil-addunyaa waliin walqabatan irratti hirmaatan gaggeeffameera.

Xumura sagantichaa irrattis eegumsa mirgoota baqattootaa fi gaafattoota koolugaltummaa cimsuuf, sagalee guddaa akka argatan gargaaruuf, qormaata isaan mudatu hiikuuf akkasumas adeemsa murteessuu keessatti hirmaannaa hiika qabu akka taasisaniif carraaqqiin qindoomina qabu qooda fudhattoota hunda irraa akka eeggamu ibsameera.