Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Bara Baajataa 2018 kurmaana 3ffaa, Ammajii 1, 2018 hanga Bitootessa 30, 2018 keessatti leenjiiwwan walduraa duubaan leenjii leenjistoota mirgoota namoomaa fi ce’umsa haqaa irratti xiyyeeffate magaalota adda addaa keessatti kenneera.
Mirgoota namoomaa maanguddootaa fi dandeettii mirgoota kabachiisuu fi babal’isuu ilaalchisee Gurraandhala 2 hanga 6, 2018tti Hoggantootaa fi miseensota waldaalee maanguddootaa fi sooramaa naannolee Sidaamaa fi Kibba Itiyoophiyaa babbayaniif magaalota Hawaasaa fi Arbaa Minciitti, Bitootessa 14 hanga 17, 2018 Miseensota Waldaa Maanguddoota Tigraayiif Magaalaa Maqaleetti; akkasuma Bitootessa 21 hanga 24, 2018. miseensota waldaa maanguddootaa fi sooramaa naannoo Harariitiif magaalaa Hararitti kennameera. Leenjiwwan kunniin hirmaattonni leenjichaa miidhaa mirgoota maanguddootaa irratti raawwatamu ilaalchisee gabaasuu fi qorachuu irratti dandeettii isaanii akka gabbifataniif shaakala qabatamaa of keessaa kan hammatee dha.




Dabalataanis, KMNIn eegumsa mirgoota daa’immanii ilaalchisee hooggantoota fi miseensota poolisii bulchiinsa magaalaa Finfinneetiif Gurraandhala 10 hanga 13, 2018tti magaala Bishooftuutti leenjii kenneera. Leenjiin kun yeroo daa’imman gocha yakka keessatti hirmaatanii ykn miidhaan irra ga’u mirgoota isaaniif kabajamuu qaban irratti hubannoo qaamolee leenjii kanarratti hirmaatan guddisuuf kan akeeke yoo ta’u, hirmaattonni marii gareetiin muuxannoo waljijjiiraniiru. Gama biraatiin Gurraandhala 30 hanga Bitootessa 4, 2018tti ogeessota waajjiraalee Dubartootaa fi Daa’immanii Godina Baalee fi Magaalaa Roobee irraa dhufaniif Magaalaa Roobeetti leenjiin mirga dubartootaa irratti xiyyeeffate kennameera.




Qabiinsa sirreeffamtootaa ilaalchisee, hooggantoota Biiroo Haqaa Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa fi manneen sirreessaa adda addaa irraa babbayaniif Gurraandhala 9 hanga 13, 2018tti Magaalaa Hosaanaatti, Akkasumas, Komishinii mana sirreessaa naannoo Amaaraa fi manneen sirreessaa jahaaf Bitootessa 21 hanga 25, 2018 Magaalota Baahirdaar fi Kombolchaatti leenjiin kennameera. Dabalataanis, leenjiin dandeettii miseensotni poolisii mirgoota namoomaa kabajuu fi kabachiisuu ijaaruuf kaayyeffate poolisoota dame ittisaa fi qorannoo yakkaa irratti bobba’aniif Gurraandhala 9 hanga 13, 2018 Magaalaa Hosaanaatti, Gurraandhala 16 hanga 20, 2018 magaalaa Daseetti fi akkasumas Bitootessa 14 hanga 17, 2018 magaalaa Bishoofututti kennameera. Leenjiiwwan kunniin bulchiinsa mirgoota namoomaa sirreeffamtootaa fi shakkamtootaa ilaalchisee beekumsa, ilaalchaa fi dandeettii ijaaruuf kan gargaaran ta’uu ibsameera.




Gama biraatiin KMNIn mirgoota namootni biyya keessatti buqqa’an ilaalchisee naannoo Hararii fi Beenishaangul Gumuz irraa hoggantoota dhaabbilee tajaajila buqqaatotaaf kennaniif Gurraandhala 30 hanga Bitootessa 4, 2018tti magaalota Hararii fi Asoosaatti leenjii kenneera. Hirmaattonni leenjichaa beekumsaa fi dandeettii mirgoota namoomaa leenjicha keessatti horatan fayyadamuun tarkaanfii qabatamaa fudhachuuf kaka’umsa qaban ibsaniiru.





Gama biraatiin KMNIn walta’iinsa dhaabbata “Project Expedite Justice” waliin ta’uun dhaabbileen hawaasa siivikii adeemsa ce’umsa haqaa keessatti gahee isaanii akka ba’atanii fi adeemsa ce’umsa haqaa cimsuuf dhaabbilee hawaasa siivikii naannoo Amaaraa irraa babbayaniif Ammajii 4 hanga 8, 2018tti Magaalaa Adaamaatti leenjii kenneera. Haaluma walfakkaatuun adeemsa cehumsa haqaa keessatti gahee ogummaan aartii fi aartistoonni qaban ilaalchisee ogeeyyii Dirre Dawaa fi Hararii irraa Dhufaniif Ammajii 26 hanga 30, 2018tti Dirre Dawaatti akkasumas Jimmaa fi Aggaaroo irraa babbayaniif Gurraandhala 16 hanga 20, 2018 leenjiin kennameera.




Dabalataanis gama mirgoota namoomaa fi ce’umsa haqaatiin gahee dargaggootaa guddisuuf hoggantoonni waldaalee dargaggoota Magaalaa Sooddoo kanaan dura leenjii leenjistootaa fudhatan Ammajii 28 hanga 30, 2018 Magaalaa Sodootti miseensota isaanii 40f leenjii kennaniiru. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) duudhaa fi qajeelfamaa mirgoota namoomaa akkasumas seera mirgoota qaama miidhamtootaa biyyaalessaa fi idil-addunyaa ilaalchisee Bitootessa 22 hanga 24, 2018 Magaalaa Gaambeellaatti hoggantootaa fi miseensota waldaa qaama miidhamtootaatiif leenjii hubannoo uumuu kenneera.