Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Bitootessa 01, 2018 Naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Gaamoo, aanaalee Gaacoo Baabaa, Bonkee, naannawa Kaambaa fi Lixa Abbayyaa keessatti kan argamana gandoota adda addaa jaha (6) keessatti balaa sigigni lafaa, jigoo fi lolaa mudateen miidhaa dhaqqabe hordofaa jira.

Haaluma kanaan lubbuu namootaa, miidhaa qaamaa fi qabeenya irratti miidhaa guddaan akka gahe mirkaneessuu kan danda’e yoo ta’u, hanga yeroo ibsi kun ummataaf ifa ta’utti walumaa galatti namoota jahaatamii shan (65) lubbuun darbuu fi reenfi isaanii kan argame yoo ta’u, namoota 60 (jahaatama) achi-buuteen isaanii kan hin beekkamnee fi balaa kanaan lubbuu isaanii darbuu akka hin oolle akka tilmaamaan hubachuun danda’ameera. Kana malees, namoonni 3461 qe’ee isaanii irraa buqqa’anii rakkoo fi jeequmsa namoomaa hamaaf akka saaxilaman, akkasumas qabeenyi mana jireenyaa fi maasii dabalatee guutumaaguutti akka barbadaa’e KMNI mirkaneesse jira.

Taaski Foorsiin Bulchiinsi Sodaa Balaa Naannoo Kibbaa Itoophiyaa fi godina Gaamoo kallattii furmaataa adda baasuun, dhiyeessii buqqaatota deebisanii dhaabuuf barbaachisan hatattamaan guutuuf koreewwan hundeeffamanii hojiitti galfamuun isaanii barameera. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) kana dabalatee tarkaanfiiwwan jajjabeessaa bulchiinsa naannichaa fi godinaatiin fudhatamaa jiran cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisaa, namoonni balaa kanaan miidhaman nyaata, bishaan, wal’aansa yaalaa fi bakka jireenyaa yeroof ta’u dabalatee dhiyeessii barbaachisoo ta’an hunda hatattamaan akka argatan; dhaabbileen mootummaa federaalaa fi naannoo akkasumas dhaabbileen biyyaalessaa fi idil-addunyaa miidhamtoota deebisanii dhaabuuf qindoominaan tattaaffii akka godhanii fi miidhamtoota deebisanii dhaabuuf waamicha dhiyeessa.

Komishinarri Ol’aanaan KMNI kabajamoo Birhaanuu Adelloo miidhaa dhaqqabeef gadda guddaa qaban ibsuun, deebiin balaa kanaaf kennamu mirgoota namoomaa kan bu’uureffate, qindoominaa fi hatattamaan raawwatamuu akka qabuu fi fedhii qaamolee hawaasaa saaxilamoo ta’an kanneen akka dubartoota, daa’imman, maanguddoota fi qaama miidhamtootaa giddu-gala kan godhate ta’uu mirkaneessuu akka barbaachisu cimsanii yaadachiisaniiru. Balaa uumamaa kana fakkaatu hir’isuu fi osoo hin uumamin dura hambisuuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Komishinarri Olaanaan itti dabaluun ibsanii, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) hordoffii isaa kan itti fufuu fi argannoowwan irratti hundaa’uun yaadaa furmaata tokko tokkoon qaamolee dhimmi ilaallatuuf akka dhiyeessu mirkaneessaniiru.