Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) muuxannoo gaarii fi qaawwa sirni tooánnoo miidiyaalee gama mirgoota dubartootaa fi daa’immanii eegsisuutiin qabu irratti kan xiyyeeffate waltajii marii, Gurraandhala 13, 2018 A.L.I Finfinneetti gaggeesse. Mariin kun hubannoo qooda fudhattoonni dhimma kanarratti qaban gabbisuuf kan kaayyeffate dha.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti Koreen Dhaabbii Dhimma Dimookiraasii, Abbaan Taayitaa miidiyaalee Ityoophiyaa, Mana Maree Miidiyaa Itiyoophiyaa, miidiyaaleeBiroodkaastii, Paarlaamaa Daa’immanii fi bakka bu’oonni dhaabbilee siivikii dhimmi ilaallatu marii kanarratti hirmaataniiru.

Waltajjicharratti ibsi bal’aan maalummaa to’annoo miidiyaalee, qabiyyee tamsaasa miidiyaalee fi sirni too’annoo isaa mirgoota dubartootaa fi daa’immanii eegsisuu keessatti haalota jajjabeessoo mul’atan fi dhimmoota fooyya’uu qaban mariidhaaf ka’umsa ta’u dhiyaateera.
Yaada jalqaba dhiyaate keessattis imaammattoonni fi seerotni miidiyaalee waliin walqabatan dhimma dubartootaa fi daa’immanii gadi fageenya isaaniiff maluun akka hin hammatne, leenjii ijaarsa dandeettii gahaa itti fufiinsaan kennuu dhabuu; Madaallii fi hordoffiin qaamoleen dhaabbilee tajaajila tamsaasaa to’achuuf aangoo fi itti gaafatamummaa qabaniin gaggeeffamu gahaa ta’uu dhabuun, yeroo mariin kun geggeeffamutti miidiyaa tokko irraa kan hafe isaan kaan imaammata koorniyaa kan hin qabne taúusaanii, dhimmoota dubartootaa fi daa’immaniitiif dursa kennuudhaan yeroo uwwisa qilleensaa gahaa ramaduu dhabuun, koorniyaa gaazexeessitoota dubartootaa irratti dhiibbaan koorniyaa bu’uureffatee raawwatamu akka qaawwaatti dhiyaateera. Dabalataanis, qabiyyee daa’imman wajjin walqabatu faaydaa daa’immanii, kabaja, hirmaannaa hiika qabuu fi gama fedhii daa’immanii mirkaneessuutiin qaawwi akka jiru hubatameera.

Hirmaattonni marii kanaa hordoffii fi to’annoo idilee fi sirna qabeessa taasisuudhaan miidiyaalee mirgoota dubartootaa fi daa’immanii akka kabaju godhuu, Immaammata Koorniyaa miidiyaa walaba ta’e bocuudhaan hojiirra oolchuu, bakka bu’ummaa fi hirmaannaa dubartootaa hoggansa miidiyaa, ogummaa fi miseensummaa garee gulaalaa keessatti qaban guddisuu, hojii hubannoo uumuu irratti waliin hojjechuu, miidhaa koorniyaarratti hundaa’e sirna itti dhiyaatu diriirsuu fi hammattummaa gabaasa daa’imman irratti hojjechatamuu mirkaneessuun akka barbaachisu eerameera.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti, miseensi Koree Dhaabbii Dhimma Dimokiraasii Kabajamoo Abunee Alam dhaabbilee miidiyaalee gidduutti walitti dhufeenya uumuudhaan, rakkoolee gama seeraa fi raawwiitiin ka’an hiikuuf qorannoon sirrii ta’e geggeeffamee qaama dhimmi ilaallatu bira ga’uu akka qabu ibsaniiru. Itti dabaluunis koreen dhaabbii yaada waltajjii marii kanarratti dhiyaate akka galtee hojii dabalataa yeroo itti aanuuf ta’uutti fudhachuun, qabxiilee irratti waliigalan hojiirra oolchuuf qooda fudhattoonni itti gaafatamummaa isaanii akka ba’ataniif hojii hordoffii fi to’annoo barbaachisaa ta’e ni raawwata jedhan.

Daarektarri Kutaa Mirgoota Dubartootaa fi Daa’immanii KMNI Selamawiit Girmaay, qaawwa seeraa fi raawwii irratti kaafaman irratti hundaa’uun hojiiwwan itti aanan milkeessuf dhaabbileen miidiyaa, qaamoleen to’annoo miidiyaalee, akkasumas dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa dhimmi ilaallatu itti gaafatamummaa isaanii akka bahataniif qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru. Itti dabaluunis, KMNIn dhimma kanarratti hojii hordoffii fi marii cimsee akka itti fufuu fi itti gaafatamummaa isaas ni bahata jedhaniiru.