Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Adeemsi ce’umsa haqaa hunda hammatee fi mirgoota namoomaa irratti hundaa’e akka dhugoomuuf kan gargaaru Konsortiyemii Ce’umsa haqaa-Itoophiyaa waliin Waxabajjii 1, 2018 A.L.I waliigaltee walhubannaa mallatteesse. Waliigaltee kana kan mallatteessan Komishinara Ol’aanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Birhaanuu Adeelloo fi bakka bu’aa gamtichaa Daarektara Olaanaa Giddugala Qorannoo Ce’umsaa Afrikaa Muluqen Getaachew yoo ta’an, waliigalticha Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Instiitiyuticha fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun ce’umsa haqaa miidhamtoota giddugaleessa godhate hojiirra oolchuuf tattaaffii taasisu keessatti gumaacha guddaa kan taasisu dha jedhan.

Dhaabbilee hawaasa siivikii biyya keessaa afur: jechuunis Giddugala Qorannoo Ce’umsaa Afrikaa (African Center for Transitions Studies- ACT), Walta’iinsa Misooma Horsiise Bultootaa (Partnership for Pastorialists Development – PAPDA), Konsortiyemii Dhaabbilee Nageenya Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa (Consortium for Ethiopian Civil Society Organizations of Peace – CESCOP) , fi Giddugala Dimookiraasii Gaanfa Afrikaa (Horn Center for Democracy – HCD) tiin kan hundeeffame Konsortiyemii Ce’umsa Haqaa Itoophiyaa, adeemsa ce’umsa haqaa Itoophiyaa keessatti dhaabbilee hawaasa siivikii biyya keessa dammaqinaan akka hirmaatan dandeessisuuf kan akeekedha.

Yeroo sirna walii-mallatteessuu kanattis gamticha kan bakka bu’an Daarektarri Ol’aanaan Giddugala Qorannoo Ce’umsaa Afrikaa Muluqen Geetaachew, adeemsa ce’umsa haqaa hunda hammatee akka ta’uuf tattaaffii taasifamu milkeessuuf waliigalteen walhubannaa kun gahee olaanaa akka qabu ibsanii, galmee walii galtichaatti konsortiyemichaaf kan eeyyamame qorannoon fi ramaddii pirojektii dhaabbilee hawaasa siivikii (CSO Mapping and categorization) ciminaa fi tattaaffii fooyyee qabuun raawwachuuf yaalii akka godhan mirkaneessaniiru.

Waliigaltichi adeemsa ce’umsa haqaa miidhamtoota giddugaleessa godhate, hunda hammatee fi mirga namoomaa irratti hundaa’e Itoophiyaatti hojiirra akka ooluuf gumaacha gaarii ta’uu isaa Komishinarri Ol’aanaan KMNI Birhaanuu Adeelloo ibsaniiru. Itti dabaluunis, KMNIn dhaabbilee hawaasa siivikii waliin ta’uun hojiiwwan ijaarsa dandeettii fi ce’umsa haqaa keessatti hirmaannaa cimaan deeggaraa akka ture ibsanii, walta’iinsi kun tumsa dhaabbilee hawaasa siivikii waliin jiru daran kan cimsu ta’uu dubbataniiru.