Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) Inistiitiyuutii Mirgoota Namoomaa Deenmaark (DhMND) waliin ta’uun, workishoppii hubannoo uumuu mata duree ‘Gamtaa Awurooppaatti akka hika qabatuuf Inishetiviiwwan Tasgabbii Daldalaa fi Mirgoota Namoomaa Waliin Wal-qabatuu fi Barbaachisummaa Isaanii Itoophiyaaf’ jedhuun, Bitootess 06, 2026 magaalaa Finfinneetti qopheessee jira. Workshopiin kun hubannoo qooda fudhattoonni tattaaffii Qajeelfama Itti Fufiinsa Korporeetii Gamtaa Awurooppaa fi Gamtaa Awurooppaatti Hojii Dirqisiisaa tasgabbeessuurratti qaban cimsuu, akkasumas gahee isaan daldala Itiyoophiyaa fi gochaalee mirgoota namoomaa irratti qaban qorachuuf kan kaayyeffate ture.


Sagantaan kun Hoggantoota fi bakka bu’oota Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa, Ministeera Haqaa, Dhaabbata Abbagaar Itiyoophiyaa, Waldaa Konfedereeshinii Hojjechistoota Itiyoophiyaa fi Yuunivarsiitii Finfinneetti Giddugala Mirgoota Namoomaa irraa kan babbayan irratti argamaniiru.

Workishoppii kanarratti Alice Munnelly, Gorsituu Ol’aantuu Mirgoota Namoomaa, daldalaa fi Teeknooloojii Inistiitiyuutii Mirgoota Namoomaa Deenmaark (DhMND) , gamtaa Awurooppaatti tumaalee ijoo dambii hojii dirqisiisaa fi tarkaanfiiwwan waliin deemanirratti ibsa bal’aa godhaniiru. Mariin gaggeeffame daran qabxiilee seensaa, tarsiimoo hirmaannaa qooda fudhattoota Itiyoophiyaa qoratee, gahee qaamolee imaammata baasanii, dhaabbilee mirgoota namoomaa biyyoolessaa, dhaabbilee hawaasa siivikii fi waldaalee hojjettootaa hubannoo sadarkaa Gamtaa Awurooppaatti mul’achaa jiruu fi dhiibbaa inni Itoophiyaa fi daldala Itoophiyaarratti qabu cimsee ibseera.

Itti aanaan pirezidaantii Waldaa Konfedereshinii hojjeetota Itoophiyaa Dr. Dawit Moges barbaachisummaa sirreeffama tarsiimoo kan ibsan yoo ta’u, qormaataa fi carraa damee dhuunfaa mudatu irrattis ilaalcha qabatamaa kennaniiru. Hirmaattonnis seera kabajuu mirkaneessuun dandeettii dhaabbilee daldalaa fi hubannoo uumuu dabalatee, mala bal’aa akka barbaadu hubachiisaniiru.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Komishinarri Mirgoota Siivilii, Siyaasaa fi Hawaas-Dinagdee Dr. Abdii Jibriil haasawaa cuffinsaa isaaniitiin, gochaalee daldalaa biyyoolessaa sadarkaa mirgoota namoomaa idil-addunyaa waliin walsimsiisuuf tattaaffii walta’iinsaa gochuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. KMNI tattaaffiilee kana ceesisuuf waltajjiiwwan hubannoo uumuu, ijaarsa dandeettii fi marii deeggaruuf kutannoo akka qabus ibsaniiru.