Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI) hirmaannaa buqqaatonni biyya keessaa cee’umsa haqaa biyyaalessaa fi filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa irratti qabaachuu malan ilaalchisee waltajii hubannoo uumuu Gurraandhala 18 hanga 20, 2018 magaala Bishooftuutti gaggeesse. Buqqaatonni naannolee Affaar, Amaaraa, Benishaangul Gumuz, Giddugaleessa Itoophiyaa, Gaambeellaa, Hararii, Oromiyaa, Somaalee fi Tigraay irraa walitti babbayan waltajicharratti hirmaataniiru.
Waltajicharratti, qajeelfamoota seeraa imaammata cee’umsa haqaa fi filannoo illalchisee mirgoota hirmaannaa buqqaatota biyya keessaa, hudhaawwan adeemsa raawwii keessatti mudatan, miidhaa xiinsammuu fi dhiphina erga buqqa’anii booda namootarra gahu, akkasumas deeggarsa buqqaatotaaf taasifamurratti mari’atameera.

Hirmaattonni waltajjichaa hudhaawwan buqqaatonni biyya keessaa yeroo filannoo fi cee’umsa haqaa isaan mudatan ilaalchisee muuxannoo isaanii kan qoodan yoo ta’u, filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaarratti fi waltajjiiwwan marii ummataa cee’umsa haqaatiin wal-qabatan ilaalchisee gaggeeffaman irratti hirmaannaan buqqaatonni qaban gahaa akka hin taane hubachiisaniiru. Ce’umsi haqaa sarbama mirgoota namoomaa yeroo buqqa’iinsaa mudatuuf furmaata barbaaduu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf, Waltajjiiwwan marii irratti hirmaannaa buqqaatota biyya keessaa mirkaneessuu fi filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa irratti hirmaannaa isaanii guddisuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu akka qabus ibsaniiru.



Dabalataanis, buqqaatota biyya keessaa yeroo buqqa’anitti kan isaan mudatu miidhaa xiinsammuu fi tooftaalee deebisanii dhaabuu irratti hirmaattootaaf ibsi kennamee, hirmaattonnis muuxannoo isaanii qoodaniiru.
Waltajjicharratti haala buqqaatota biyya keessaa hubachuun dhimma xiyyeeffannoon jalqabaa itti kennamuu qabu akka ta’e kaafamee, kanumaan wal-cinaatti namoonni miidhaan buqqa’iinsaa irra gahe haala walxaxaa keessa darbuun miidhaa sammuuf saaxilamuun isaanii kan dabalu waan ta’eef, deeggarsi buqqaatotaaf taasifamu deeggarsa namoomaa keessatti hammatamee deeggarsi xiinsammuu fi hawaasummaa sirnaan yeroo sirrii ta’etti kennamuufii akka qabu ibsameera.

Daarektarri kutaa mirgoota buqqaatotaa, baqattootaa fi godaantotaa KMNI Mihiret’ab Gabremasqal, tarkaanfiiwwan olaantummaa seeraa fi dimokiraasii biyyattii keessatti hundeessuuf fudhataman keessatti hirmaannaa buqqaatotaa mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, Buqqaatonni biyya keessaatis adeemsa kana keessatti gahee qabaachuu qaban ilaalchisee hubannoo isaanii guddisuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti dabaluunis KMNIn dhimmi buqqaatotaa xiyyeeffannoon barbaachisaa ta’e akka kennamuufiif, adeemsa haqaa ce’umsaa fi filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa keessatti hirmaannaa isaanii mirkaneessuuf ciminaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.