Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) deeggarsa tooftawaa Inistiitiyuutii Mirgoota Namoomaa Deenmaark (DIHR) irraa argateen jijjiirrama qilleensaa fi mirgoota namoomaa Itoophiyaa irratti marii woorkishooppii fi ijaarsa dandeettii guyyota lamaaf turu Itoophiyaatti Hagayya 31 hanga Fulbaana 1, 2026 kan keessummeesse yoo ta’u, bakka bu’oonni dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee hawaasa siivikii, dhaabbilee barnootaa fi qorannoo, akkasumas ogeeyyonni mirgoota namoomaa hirmaataniiru.



Kaayyoon workishoppii kanaa hubannoo qooda fudhattoonni gama mirgoota namoomaa jijjiirama qilleensaa irratti qaban cimsuu, madaallii haala qilleensaa wajjiin walqabatee bu’uuraaleen seeraa fi imaammataa qajeeltoowwan mirgoota namoomaa walqabatu kan KMNI qoratu mirkaneessuuf akka waltajjiitti tajaajiluuf, dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa fayyadamummaa mirgoota namoomaa irratti ol ka’aa jiru irratti mari’achuu fi Itoophiyaatti fuulleewwan deebii haala qilleensaa mirgoota namoomaa irratti hundaa’e cimsuu danda’an qorachuuf kan kaayyeffate ture.



Workipiishop kana irratti ogeeyyonni KMNI, DIHR, Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itoophiyaa, Eco-Justice Ethiopia, Network of African National Human Rights Institutions (NANHRI) fi Defend the Environment qorannoowwan erga dhihaatan booda mariin itti aanee kan dhiyaate yoo ta’u, ilaalcha fi muuxannoo waljijjiiruun akka gabbatu kan taasifame haala qilleensaa mirgoota namoomaa irratti hundaa’e tarkaanfachiisuuf gumaacha godheera. Workishoppiin kun bulchiinsa haala qilleensaa fi dirqama mootummaa, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa Itiyoophiyaatti, walitti dhufeenya jijjiirama qilleensaa fi mirgoota namoomaa, tarkaanfii haala qilleensaa mirga irratti hundaa’e, itti gaafatamummaa fi furmaata miidhaa haala qilleensaatiin walqabatee dhufu, mormii fedhii ummataa fi naannoo, akkasumas carraawwan mirgoota namoomaa tarkaanfachiisuu fi dhugaa haala adeemsa qilleensaa karaa idil-addunyaa dabalatee dameewwan hojii ijoo qorateera.



Caama, lolaa, rooba sirrii hin taane, sigiga lafaa fi dhukkubootni haala qilleensaatiin dhufan jireenya hawaasaa guutuman gututti balaadhaaf saaxilaa jiru. Rakkoon qilleensa naannoo hammaataa dhufe kun mirga jireenyaa, nyaataa, bishaanii, fayyaa, barnoota, jireenya itti fufiinsa qabuu fi mana jireenyaa gahaa argachuu dabalatee mirgoota namoomaa bu’uuraa adda addaa fayyadamuu kan miidhu yoo ta’u, balaa buqqa’iinsa haala qilleensaatiin dhufu ni cimsa.
Qabxiilee ijoon workishoppii kanaa qorannoo KMNI’n jijjiirama qilleensaa fi mirgoota namoomaa Itoophiyaa irratti taasifame dhiyeessuu fi mirkaneessuu ture. Hirmaattonni duub-deebii qorannichaarratti argannoowwanii fi yaada-furmaataa kan kennan yoo ta’u, tarkaanfiiwwan haala qilleensaa mirgoota irratti hundaa’e cimsuuf fudhataman irratti mari’ataniiru. Akkasumas, rakkoolee mirgoota namoomaa haala qilleensaatiin walqabatan furuu fi tarkaanfiin haala qilleensaa eenyullee akka hin dhiifne mirkaneessuuf dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee hawaasa siivikii, dhaabbilee barnootaa, tola-ooltotaa fi hawaasa dhiibbaan irra gahe gidduutti tumsi itti fufiinsa qabu barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Yaadannoowwan mirgoota namoomaa seera haala qilleensaa, imaammata, tarkaanfiiwwan madaqsuu fi jalqabbii faayinaansii haala qilleensaa keessatti haala gaariin wal-qabsiisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Itti aanaan Komishinara ol’aanaa KMNI Doktor. Mizaanee Abaatee workishoppii kana irratti haasawa taasisaniin jijjiiramni qilleensaa jireenya namootaa, wantoota jirenyaaf barbaachisanii fi mirgoota bu’uuraa irratti dhiibbaa kallatti waan qabuuf rakkoo mirgoota namoomaa akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Qaamoleen imaammata baasanii fi qooda fudhattoonni ijoon deebii haala qilleensaa biyyoolessaa hunda qajeeltoowwan mirgoota namoomaa irratti cimsanii bu’uura godhachuu akka qaban jala muranii dubbataniiru.
KMNI’n qorannoo seeraa jalqabe fuulduratti tarkaanfachiisuudhaan kan xumuruu fi Itoophiyaa keessatti bulchiinsa haala qilleensaa mirgoota namoomaa giddugaleessa godhate guddisuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu hirmaachisuu kan itti fufu ta’a. Carraaqqii isaa hubannoo hawaasaa guddisuuf, dhiibbaa mirgoota namoomaa haala qilleensaatiin walqabatee dhufu hordofuuf hawaasa jijjiirama qilleensaatiin gar-malee miidhaman akka eegamu leellisuufis KMNI’n tattaaffii taasisaa jiru ni cimsa, Ityoophiyaa keessatti tarkaanfii haala qilleensaa mirga irratti hundaa’e akka ceesisuuf gumaacha ni taasisa.