Komishiniin Mirgoota Namoomaa Ityoophiyaa hojjettoota Giddugala Dandamachiisa Daa’immanii Finfinnee woliin haala qabiinsa mirgoota namoomaa daa’immanii irratti Bishooftuutti Ammajii 23 fi 24, 2018 A.L.I marii gaggeesse. Mariin kun ogummaa fi dandeettii hojjettoonni waa’ee mirgoota daa’immanii fi haala qabiinsa mirgoota daa’immanii irratti hubannoo qaban guddisuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, marii kanarratti Waajjira Dubartootaa fi Daa’immanii bulchiinsa magaala Finfinnee, Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa duraatti Fooramii Dubartootaa fi Daa’immanii, fi Hooggantootnii fi Ogeeyyiin Giddugala tursiisaa fi Dandamachiisaa Daa’immanii Finfinneetti marii kana irratti hirmaataniiru.


Waltajjii marii kanarratti argannoowwan hordoffii fi qorannoo mirgoota namoomaa KMNI giddu-gala dandamachiisaa fi haaromsa daa’imman gocha yakkaa keessatti argaman irratti gaggeessee, akkasumas bakka bu’ootni Fooramii Abbootii seeraa Dubartootaa fi Daa’immanii Mana Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa Finfinnee fi Yuunivarsiitii Finfinneetti Manni Barumsaa Sooshaal Woorkii fi Manni Barumsa Seeraa qabiinsaa fi wol’aansa mirgoota daa’immanii ilaalchisee barreeffamoota qophaa’an irratti mari’ataniiru.



Ijoollummaa fi maalummaa guddina daa’immanii, haala daa’imman woliin itti wolii galan, naamusa ogummaa, yaadaa fi tooftaa jijjiirama amalaa irratti hundaa’e, amaloota yakkaa, tajaajila hooggansaa fi gorsaa, akkasumas haala wal’aansa daa’imman hojii yakkaa keessatti argamanii fi walitti dhufeenya wiirtuu haaromsaa waliin qaban ilaalchisee muuxannoowwan mana murtii keessatti mul’atan bal’inaan ibsamaniiru.
Marii kanarrattis nageenya daa’imman giddu-galicha keessa jiranii eeguu fi jeequmsa irraa ittisuu, hariiroo hawaasummaa fayya qabeessa ta’e dagaagsuu, guddina waliigalaa fi qabiinsa mirgoota namoomaa irratti hundaa’e fooyyessuu, akkasumas waltajjii hubannoo irraa dandeettii ogummaa argataniin yaada daa’immanii karaa itti fufiinsa qabuun hojiitti jijjiiruuf gahee isaanii qindoominaan akka bahan ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun daa’imman dhimma yakkaa irratti hirmaatan osoo murtiin mana murtii itti hin kennamin dura yaadni barsiistotaa itti dabalamee osoo dhiyaatee gaarii ta’uu isaa, Akkasumas yeroo amala sirreeffamaa fi haaromsa isaanii xumuranii dhaabbaticha gadhiisuuf ajajni kennamu, sagantaan maatiin walitti makamuu osoo itti yaadamee nageenya daa’immanii eeguuf kan gargaaru ta’uu yaada kennaniiru.



Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaala Finfinnee Add. Qonjiit Dabalaa yaadaa gorsaa KMNI mirgoota namoomaa daa’immanii eeguuf hojjattoota wiirtuu dandamachiisaa fi haaromsaa kanaaf wal-duraa duubaan woltajii hubannoo uumuu fi guddina ogummaa qopheessuu akka qabu yaadachiisanii, ogeeyyii fi hojjattonni deeggarsaa giddu galichaa hubannoo fi beekumsa woltajii kanarraa argatan fuulduraaf qaawwa Hordoffii keessatti adda baafame guutuu fi mirga namoomaa daa’immanii eeguuf haala gargaaruun hojiirra oolchuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.

KMNI’tti Komishinarri Mirgoota Siivilii, Siyaasaa, Hawaasummaa fi Diinagdee Dr. Abdi Jibriil akka jedhanitti, hojiiwwan xiyyeeffannoo isaanii keessaa tokko eegumsaa fi dagaagina mirgoota daa’immanii ta’uu ibsanii, Ilaalcha mirgoota daa’imman giddugala tursiisaa fi dandamachiisuu daa’imman yakka keessatti hirmaatanii argamanii fooyyessuuf, ogeessonni fi hojjettoonni deggersaa wiirtuuwwan keessatti tajaajila kennan hunda keessatti gahee isaanii tokkummaan akka bahan, kutannoo fi qindoominaan akka hojjetan waamicha dhiyeessaniiru.