Qindeessummaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) fi dhaabbata hawaasa siivilii biyya keessaa “tomorrow is better” jedhamuun kan durfamu Waltajjii Tumsa waliinii Dhaabbilee KMNI- fi hawaasa siviilii garee xiqqaa mirgoota namoota biyya keessatti buqqaa’an cimsuun haala danda’amu irratti Waxabajjii 22, 2018 Finfinneetti marii taasisaniiru. Waltajjicharratti dhaabbileen hawaasa siivikii mirgoota namoota biyya keessatti buqqaa’an, baqattootaa fi godaantotaa irratti hojjatan bulchiinsa magaalaa Finfinnee, naannolee Affaar fi Amaaraa irraa dhufan hirmaataniiru.

Marii kana keessatti haala bulchiinsa buqqaatotaa ilaalchisee bu’uurri seeraa fi ijaaramni dhaabbataa guutuu ta’e jiraachuu dhabuu, ittisa buqqa’iinsaa irratti qaawwi jiraachuu, akkasumas gargaarsa namoomaa dhabuu fi qormaata furmaatni itti fufiinsa qabu hojiirra ooluu irratti mul’atu eerameera. Gama biraatiin, hanqinni qophii galmee baqattootaa fi koolu galtootaa, bilisummaa sochii fi kabaja mirgoota hojiitiin mudatu kan xiinxalame yoo ta’u, haalli mirgoota namoomaa sodaachisaa godaantota daandii imala sirrii hin taaneen daangaa ce’anis bal’inaan mariin irratti taasifameera.
Waltajicharratti, hojiilee ijoo bara baajataa 2019tti dursi kennameefii qindoominaan hojjatamuuf karoorfaman irratti waliigalteerra ga’ameera. Akkasumas, waltajjii tumsaa kana caalmaatti bu’a qabeessa taasisuu fi akkaataa odeeffannoo yeroo yeroon itti waljijjiiran irratti mariin gaggeeffameera.

KMNI’tti Daarektarri Kutaa Mirgoota Buqqaatota, Baqattootaa fi Godaantotaa Mihiret’aab Gabremasqal, walitti qabaa Garee Xiqqaa waltajii waliinii namoota haala buqqa’iinsaa keessa jiranii, mirgootni buqqaatotaa biyya keessaa, baqattootaa fi godaantotaa haala mijaawaa ta’een akka babal’atuuf, kabajuu fi tiksuu dhaabbata tokko qofaan dhugoomuun akka hin danda’amne ibsaniiru. Itti dabaluunis, kaayyoo kana galmaan ga’uuf dhaabbileen hawaasa siivikii michoota ijoo ta’uu isaanii yaadachuun, pirojektoota waloo bu’a qabeessa taasisuuf waltajjii tumsaa cimsuun barbaachisaa ta’uu fi itti fufsiisuun akka barbaachisus yaadachiisaniiru.