Areas of Work


Mirgoota Diinagdee, Hawaasummaa fi Aadaa

Miidhaamtoonni mirgoota hawaas-dinagdee fi aadaa ijoo ta’an kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii fi cinaatti dhiibaman waan ta’aniif, mirgoota hawaas-dinagdee bal’aa tarkaanfachiisuuf, dagaaginni, kabajnii fi eegumsi mirgoota hawaas-dinagdee bal’aa hiyyeeyyii irratti xiyyeeffannoo  kanneen mirgooata sadarkaa jireenyaa, mana jireenyaa fi barnootaa gahaa ta’e dabalatee xiyyeeffannoo dursaa akka argatu barbaadna. Kana malees, eegumsa mirgoota aadaa mirkaneessuuf, kanaanis qabiyyee aadaa ofiitiin boonuu  fi afaan ofiitiin barnoota argachuu, haala walqixxummaa, ulfina dhala namaa fi al’loogummaadhaan itti gammaduu danda’uu faa ni fooyyessina.

Karaa Qorannoo fi abukaatummaa iftoomina idilee (normative clarity), haqa qabeessummaa, raawwachiisummaa fi dhumarrattis mirgoota dinagdee, hawaasummaa fi aadaa fayyadamuu ni guddifna; sadarkaa ulaagaalee naamusaa mirgoota kanaa eeguu ni hordofna, akkasumas wal-irkisuu, tokkummaa fi walitti dhufeenya mirgoota namoomaa mirkaneessuuf ni hojjenna.