Mirgootni Namoomaa Hundaaf
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) qaama mootummaa federaalaa walabaa, bu’uura Heera Federaalaatiin hundeeffamee fi akka dhaabbata mirgoota namoomaa biyyoolessaatti itti gaafatamummaa Mirgoota Namoomaa dagaagsuu fi eegsisuuf qabuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf gabaasa kan dhiyeessudha.



