Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa
Sagantaan Mirgoota Siivilii fi Siyaasaa dagaaginna, kabajaa fi eegumsi mirgoota siivilii fi siyaasaa bal’aan bilisummaa fi sochii gurmaa’ina waldaa dabalatee, yaada ofii bilisaan ibsachuu fi odeeffachuu, lubbuun jiraachuu fi bilisummaa fi nageenya, bilisummaa yaada ofii ibsachuu fi odeeffannoo argachuu; mirga jireenyaa, walabummaa fi nageenya, mirga seera duratti eegumsa walqixaa argachuu fi sirna haqaa bu’a qabeessa ta’e argachuu, mirga jireenya siyaasaa keessatti hirmaachuu fi loogii fi dararaa irraa bilisa ta’uu irratti kan xiyyeeffatee dha.
Karaa Qorannoo/hordoffii fi abukaatummaa, dagaagina bu’a qabeessa fi qooda fudhattoota waliin tumsa sirrii uumuun, mirgoota siiviilii fi siyaasaa akkasumas sarbamaaf itti gaafatamummaa seeraa mirkaneessuun utubaa olaantummaa seeraa fi hawaasa dimokiraatawaa murteessaa dha.