Mirgoota Buqqaatota, Baqattootaa & Godaantotaa
Itoophiyaan addunyaa irratti akka biyyoota baqattoota keessummeessitu keessaa tokko, baay’ina ummata biyya keessaa buqqaatota (IDP) baay’ee kan qabduu fi godaantota hedduudhaaf madda, ce’umsaa fi bakka itti geessan waan taateef, guddina, kabajaa fi eegumsa mirga baqattootaa, buqqaatota fi godaantotaa mirkaneessuun hojiiwwan murteessoo ta’an keessaa isa tokkodha.
Qabxiilee jiddu-seentummaa tarsiimoo ijoo ta’an qorannoo fi abukaatummaa; hawaasa saaxilamoo ta’an mirgoota isaaniitiif akka falmatan aangessuu; ulaagaalee hordoffii biyyaalessaa fi idil-addunyaa akkasumas qooda fudhattoota waliin tumsa gochuun qabxiilee mirgootaa akkasumas fedhii eegumsaa kutaalee hawaasaa kanaa tarkaanfachiisuu