Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) kenniinsa tajaajilaa mirgoota namoomaa bu’ureeffate irratti dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa toora waliin hojjachuu komishinichaa irratti hirmaataniif waltajjii hubannoo ilaalchisee waxabajjii 17 fi 18, 2018 A.L.I Finfinneetti adeemsise. Waltajjicharratti bakka bu’oonni Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa, Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Poolisii Federaalaa, waldaaleen hawaasa siivikii fi ogummaa adda addaa hirmaataniiru.

Waltajjicha irrattis ibsi aangoo fi hojii KMNI, waa’ee mirgoota namoomaa, kenniinsa tajaajilaa mirgoota namoomaa irratti hundaa’e, gatii fi qajeeltoowwan, akkasumas dalagaa tooraa KMNI irratti xiyyeeffatee kennameera. Dabalataanis, miidhamtootaafis sirna deeggarsaa haala gahumsa qabuun raawwachuu fi dalagaa tooraa walitti hidhamiinsaa fi qunnamtii dhaabbilee waliin taasifamu idileessuuf karoorfatee kan qophaa’e wixinee waliigaltee irratti mariin taasifameera. Sanadni wixinee kun miidhamtoota sarbamni mirgoota namoomaa irratti raawwatame komii isaanii KMNI ‘tiif erga dhiyeessanii booda deeggarsa seeraa bilisaa, kan bakka jireenyaa, kan fayyaa, fi tajaajila xiinsammuu kennuudhaan sirna deeggarsa itti argatan diriirsuun akka danda’amu ibsameera.

Dabalataanis, sirna toora wal harkaa fuudhiinsaa hojjachuu irratti waa’ee qajeelfama hojii fi eegumsa ragaa guutamuu qabanii irratti, uunka adda addaa, tarkaanfiiwwan to’annoo qulqullina tajaajilaa fi hordoffii, akkasumas hojjettootaa fi barbaachisummaa leenjii ijaarsa dandeettii kennitoota tajaajila walitti hidhamiinsaa qabaniif kennuu irratti mariin taasifameera.

Hirmaattonni yeroo armaan dura toora wal harkaa fuudhiinsaa keessatti hojjetan qormaata ijoo yeroo darbe isaan mudate kaasuun sirna waliin hojjachuu tajaajila mirgoota namoomaa irratti xiyyeeffate kennuudhaaf waliigaltee isaanii ibsaniiru.

Itti Aanaan Koomishinara Ol’aanaa KMNI Doktor Mizaanee Abaatee dhaabbileen Hawaasa siivikii, qaamoleen haqaa fi dhaabbileen hojii raawwachiiftuu mootummaa miidhamtootaaf haqa argamsiisuu fi eegumsa mirgoota namoomaatiif waliin ta’uun hojjachuu akka qaban ibsaniiru. Dabalataanis, hanga ammaattis hojiirra oolaa kan ture sirni dalagaa tooraa fi walta’iinsaan hojjachuu fedhii tajaajilamtootaa milkeessuuf rakkisaa ta’uu eeranii, KMNI’n kan jalqabe sirni dalagaa tooraa idilee Dhaabbileen tajaajila miidhamtootaaf kennan tajaajila mirgoota namoomaa irratti xiyyeeffate kennuudhaaf haala barbaachisaa fi si’ataa ta’een gumaachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.