Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa bara baajataa 2018, kurmaana 4ffaa, leenjii mirga namoomaa walduraa duubaan poolisoota, abbootii alangaa, abbootii murtii, poolisoota mana sirreessaa, abbootii amantaa fi jaarsolii biyyaa magaalota biyyattii adda addaa keessatti argamaniif kenneera. Leenjiwwan kunneenis irra caalaa ce’umsa haqaa, haala bulchiinsa shakkamtootaa fi sirreeffamtootaa, akkasumas mirgoota daa’immanii irratti kan xiyyeeffate ture.

Leenjiin kurmaana kana keessatti poolisoota fi poolisoota mana sirreessaaf kennaman keessaa, magaalota Maqalee, Roobee fi Sooddoo keessatti qajeeltoowwan mirgoota namoota eegumsa seeraa jala jiranii kabajuu fi humna fayyadamuu irratti poolisoota fi qondaaltota naannoo adda addaa irraa dhufaniif leenjiin kennameera. Haaluma walfakkaatuun poolisoota mana sirreessaa fi qondaaltota magaalota Maqalee fi Jimmaatiif sirreeffamtootaaf mirgoota namoomaa fi ulfina isaanii kabajuu ilaaluu irratti leenjiin ogummaa fi ijaarsa dandeettii gaggeeffameera.

Sirna haqaa keessatti mirgoota daa’immanii eegsisuu wajjin wal qabatee, kutaalee magaala Finfinnee adda addaa irraa abbootii alangaa haaraaf leenjiin bal’aan Magaala Bishooftuutti kennameera. Leenjiin kun mirgoota daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’aniif sirna yakkaa fi siviilii keessa darban irratti kan xiyyeeffate, kenniinsa haqaa fi eegumsa irratti humna raawwachiisuu uumuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Leenjii kana keessatti adeemsa haqaa daa’immanii waliin walqabatee Abbaan Murtii mana murtii Feederaalaa muuxannoo fi beekumsa hedduu horate bu’a qabeessummaa leenjichaaf gumaacha olaanaa gochuu danda’aniiru. Gama biraatiin waltajjii abbootii murtii Naannoo Ummata Kibba Lixa Itoophiyaa irraa dhufaniif magaalaa Boongaatti qophaa’e irratti abbootiin murtii adeemsa murtii fi murtee kennuu keessatti waliigalteewwan mirgoota namoomaa idil-addunyaa fi ardiilee hojiirra oolchuuf dandeettii qaban akka fooyyeffataniif leenjiin kennameeraaf.

Kana malees, adeemsa ce’umsa haqaa keessatti gahee abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa qaban, akkasumas muuxannoo biyyoota biroo irratti leenjiin Magaalaa Roobeetti gaggeeffameera. Kanaanis beekumsaa fi dandeettii sirna adeemsa ce’umsa haqaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan isaan dandeessisu horachuu danda’aniiru. Haaluma walfakkaatuun miseensota waldaalee fi jaarmiyaalee dargaggootaa adda addaa irraa walitti dhufaniif leenjiin dargaggoonni nageenyaa fi tokkummaa kabajuudhaan beekumsa kabaja mirgoota namoomaa guddisuuf gahee qaban akka fooyyeffataniif kaayyeffate kennameera.

Waltajjiiwwan leenjii bara baajataa 2018 kurmaana 4ffaa keessa KMNI’tiin kennaman kunkabaja mirgoota namoomaa hawaasaa fi qaamolee raawwachiiftuu cimsuu bira darbee leenjifamtoonni beekumsaa fi dandeettii qajeeltoowwan mirgoota namoomaa hojii guyyaa guyyaa isaanii keessatti hojiirra oolchuuf qaban akka horatan carraa uumeera.