Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) waggaa waggaan Waxabajjii 8 yaadatamee kan oolu guyyaa hubannoo uumuu miidhaa manguddoota Addunyaa ilaalchisee Waxabajjii 8, 2018 A.L.I Finfinneetti waltajjii marii adeemsise. Mariin kun walta’iinsa Waldaa Biyyoolessaa Maanguddootaa fi Sooramaa Ityoophiyaa, HelpAge Ethiopia fi Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta’uun kan qophaa’e yoo ta’u, Qondaaltonni hojii mootummaa, bakka bu’oonni waldaalee maanguddootaa fi falmitoonni mirgoota namoomaa irratti hirmaataniiru.


Waltajjicharratti KMNI’n Mirgoota manguddotaa kabachiisuu waliin wal qabatee hordoffii mirgoota namoomaa taasisu, barnootaa leenjii fi hojii ijaarsa dandeettii hojjatu ilaalchisee ibsi kennamee jira. Kana malees, maanguddoota jireenya isaanii guyyaa guyyaa keessatti rakkoolee isaan mudatan kanneen akka fayyaa fi geejjiba uummataa dabalatee tajaajiloota bu’uuraa argachuu irratti ifaajjee baay’etu isaan qunnama. Kana malees, galiin sooramaa isaanii qaala’iinsa jireenyaa fi haala qabatamaa dinagdee biyyattii keessatti mul’atu waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gadi aanaa waan ta’eef, maanguddoonni hirkattoota akka ta’an taasisuu fi miidhaa dinagdee adda addaatiif akka saaxilaman isaan taasisan waltajjii kana irratti dhiyaatee irratti mari’atameera.



Sarbama Mirgaa maanguddoota iratti raawwatamu ittisuu fi hambisuuf, waldaalee maanguddootaa sadarkaa sadarkaan jiran cimsuu fi dhaabbileen mootummaa fi tajaajila kennitoonni hundi fedhii maanguddootaa irratti hundaa’uun sochiiwwan tarsiimoo hunda hammattoo qopheessuu, kunuunsaa fi deeggarsa dabalataa diriirsuun saaxilamummaa maanguddoonni miidhaa diinagdee fi hawaasummaaf qaban hir’isuuf gargaaru. Haaluma wal fakkaatuun, mirgoota manguddotaa yaada keessa kan galche qajeelfama imaammata seeraa baasuu fi raawwii isaa hordofuu, sirna eeruu miidhaan manguddootaa ittiin beeksifamu babal’isuu fi hubannoo hawaasaa kan fooyyessu tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhachuun tarkaanfiiwwan barbaachisoo mootummaan fudhachuu qabu ta’uu marii kana irratti akeekkachiifameera.

Komishinarri Mirgoota Qaama Miidhamtootaa fi Maanguddootaa KMNI Mohaammad Ahimad, maanguddoonni miidhaa gosa adda addaatiif saaxilamummaa qaban yaadachiisanii, miidhaa maanguddoota irratti raawwatamu kana hambisuuf hubannoo babal’isuun cinaatti deebii qabatamaa kan kennu qajeelfamni seeraa, imaammataa fi bu’uura dhaabbilee diriirsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Itti dabaluunis, maanguddoonni misooma biyyaattii keessatti hojjatamaa jiru namoota biroo waliin wal qixa irraa fayyadamoo ta’uuf mirga waan qabaniif, mootummaan mirga hawaas-diinagdee fi nageenyummaa maanguddootaa eeguuf tarkaanfii fudhachuuf itti gaafatamummaa qaba jedhan.