Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) sadarkaa biyyaatti miseensoota miliyoona 30tti dhiyaatan qabu waliin ta’uun adeemsa cee’umsa haqaa keessatti hirmaannaa ummataa guddisuuf hooggantoota dhaabbata hawaasummaa gamtaa afooshaalee Itoophiyaa waliin Fulbaana 3, 2019 A.L.I Finfinneetti walgayii marii adeemsisaniiru.

Mariin kun bakka bu’oota gamtaa Afooshaalee magaaloota Finfinnee fi Adaamaa irraa walitti babbayan kan hirmaachise yoo ta’u, kunis Komishinichi tumsa hawaasa siivilii fi dhaabbilee bu’uura hawaasuummaatiin cee’umsa haqaa irratti hubannoo ummataa guddisuuf hirmaannaa hiika qabu cimsuuf tattaaffii walirraa hin cinne taasisaa jiru keessaa isa tokko.

Marii kana irratti Dhaabbanni Hawaasummaa Gamtaa Afooshaalee Itoophiyaa tumsa KMNI waliin qabuuf sababa, kaayyoowwanii fi qabxiilee tumsaa kan dhiyeesse yoo ta’u, kanuma wajjiin wal-qabatee dhaabbileen hawaasa siivikii fi afooshaaleen  adeemsa cee’umsa haqaa keessatti gahee qaban,  hojiiwwan tarsiimoo KMNI bal’aa ta’an wajjin haala kamii fi qindoominaan akka walsimatan irratti marii bal’aan taasifameera.

Hirmaattonni mariichaa faayidaa adeemsi cee’umsa haqaa kun qabaatu amanuudhaan hojii hubannoo ummataa bal’aa uumuu fi hirmaannaa gochuun barbaachisaa ta’uu isaas xiyyeeffannaa itti kennaniiru. Marichi ergamaa fi hojii KMNI fi gamtaa Afooshaalee ilaalchisee hubannoon waloo akka uumamu kan taasise yoo ta’u, dhaabbileen lamaan walabummaa isaanii eeggatanii tumsa cee’umsa haqaa irratti hubannoo uummataa guudisuu dandeessisu hojiirra akka ooluuf waliigalteerra gayameera.

KMNI fi Dhaabbanni Hawaasummaa Gamtaa Afooshaalee Itoophiyaa gabatee yeroo sadarkaa jalqabaa qopheessuu fi tokkoon tokkoon kutaa xiyyeeffannoon dursaa kennamuuf raawwattoota ramaduu dabalatee hojiilee hordoffiin hatattamaa irratti taasifamuurratti walii galaniiru. Dhaabbileen lamaan bu’uura tumsaa gara sochii hojii waliinii qabatamaatti jijjiiruuf kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Mootummaa Federaalaa Dimokiraatawaa Itooophiyaa, Imaammata Cee’umsa haqaa Biyyaalessaa Itoophiyaa Ebla 2016 A.L.I mana maree ministerootaatiin kan ragga’e yoo ta’u, kunis Itoophiyaan haqa, araaraa fi nageenna waaraa fiduuf tattaaffii taasiftu keessatti boqonnaa isa guddaa dha. Qajeeltoowwan imaammatichi ittiin hoogganamu keessaa inni tokko adeemsa cee’umsa haqaa keessatti hunda hammattoo fi hirmaannaa hiika qabu qabaachuudha. KMNI fi dhaabbata mootummota gamtoomaniitti waajjira ol’aanaa komishinii Mirgoota namoomaa (OHCHR) Gabaasni Qorannoo Waliinii Sadaasa 2014 A.L.I kan ba’e akkasumas Muddee 2016 kan maxxanfame Gabaasni waloo KMNI-OHCHRn argannoo marii miidhamtootaa fi hawaasa miidhamtoota waliin taasifame irratti hundaa’es adeemsa ce’umsa haqaa dhugaa, hirmaachisaa, hunda hammattoo fi mirgoota namoomaa irratti hundaa’e barbaachisaa ta’uu cimsee ibseera. Ergasii as KMNI’n dhaabbilee dhimmi ilaallatu, qooda fudhattoota hawaasa siivikii, hawaasa miidhamtootaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun hubannoo hawaasaa cee’umsa haqaa irratti uumuuf walitti dhiyeenyaan hojjechaa tureera.

KMNI’n cee’umsa haqaa qaama tarsiimoo ofii kan hubannoo hawaasaa taasisuudhaan, miidhamtoota dabalatee adeemsa cee’umsa haqaa keessatti hirmaannaa ummataa mirkaneessuuf hawaasa siivikii fi dhaabbilee bu’uura hawaasa waliin hojjechuu itti fufa.